LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Caamsaa
    • 10. Daaniʼel 11:25b, 26 kan raawwatame akkamitti?

      10 Itti aansuudhaan Daaniʼel wanta Bulchiinsa Jarmanii fi humna waraanaa ishiin ijaarratte irra gaʼu dubbateera. Raajichi mootiin kaabaa “jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu” jedheera. Maaliif? Sababiin isaas, ‘Isaan isa irratti ni malu. Warri isaa wajjin nyaata baʼeessa nyaatan isa in balleessu.’ (Dan. 11:25b, 26a) Bara Daaniʼelitti warri ‘mootichaa wajjin nyaata baʼeessa nyaatan’ abbootii taayitaa mootummaa warra ‘fuula mootichaa duratti dhiʼaatanii hojii irra dhaabaman’ kan dabalatu ture. (Dan. 1:5) Raajiin kun waaʼee eenyuu dubbata? Kun abbootii taayitaa Bulchiinsa Jarman warra aangoo guddaa qaban, jechuunis jeneraalotaa fi gorsitoota raayyaa waraanaa mootichaa yeroo booda mooticha kuffisuu irratti gargaarsa godhan kan dabalatu dha.e Raajiin kun kufaatii bulchiinsa sanaa qofa utuu hin taʼin waraanni mootii kibbaa wajjin godhamus buʼaan isaa maal akka taʼu ni dubbata. Raajichi waaʼee mootii kaabaa yommuu dubbatu, “loltuun isaa in haxaaʼamu, baayʼeen isaaniis waraanamanii in kukkufu” jedha. (Dan. 11:26b) Akkuma raajiidhaan dubbatametti waraana addunyaa isa tokkoffaa irratti loltoonni Jarman, ‘haxaaʼamaniiru’; baayʼeen isaaniis ‘waraanamanii kukkufaniiru.’ Waraanni sun waraana seenaa ilmaan namootaa keessatti hamma yeroo sanaatti godhame irra caalaa lubbuu namoota hedduu galaafate dha.

  • Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Caamsaa
    • e Abbootiin taayitaa kun kufaatiin bulchiinsa sanaa karaawwan hedduudhaan akka saffisu godhaniiru. Fakkeenyaaf, kaayizariin deggeruu dhiisaniiru, waraana ilaalchisee iccitiiwwan guguddaa baasaniiru, akkasumas kaayizar fedhiidhaan aangoo akka gadhiisu dhiibbaa isa irratti godhaniiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi