-
Haleellaa Karaa Kaabaa Dhufu!Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Ebla
-
-
14. Raajiin Yoʼel 2:28, 29 irratti argamu kan raawwatame yoomi?
14 Kan nama gammachiisu, Yoʼel misiraachoos dubbateera. Biyyattiin deebitee ni misoomti. (Yoe. 2:23-26) Achiis, gara fuulduraatti yeroo taʼe tokkotti nyaanni hafuuraa gaʼaan ni jiraata. Yihowaan akkana jedheera: “Ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu, . . . bara sanatti, ani hojjetoota koo warra dhiirotaa fi warra dubartootaa irratti iyyuu hafuura koo nan dhangalaasa.” (Yoe. 2:28, 29) Israaʼeloonni boojuu Baabilonii gara biyya isaaniitti akkuma deebiʼaniin hafuurri Waaqayyoo hin dhangalaane. Kanaa mannaa, kun kan raawwatame jaarraawwan hedduu booda Dh.K.B. bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti ture. Kana akkamitti beekna?
15. Hojii Ergamootaa 2:16, 17 akka jedhutti Pheexiros yaada Yoʼel 2:28 irra jiru irratti sirreeffama akkamii godheera? Kuni hoo maal argisiisa?
15 Pheexiros ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee raajiin Yoʼel 2:28, 29 irratti argamu wanta dinqisiisaa gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti taʼeen akka raawwatame dubbateera. Ganama sana gara saʼaatii sadiitti Waaqayyo hafuura isaa kan dhangalaase yommuu taʼu, namoonni hafuuricha fudhatanis waaʼee “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” dubbachuu jalqaban. (HoE. 2:11) Pheexiros hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee raajii Yoʼel yommuu caqasu ibsa kana irraa xinnoo adda taʼetti fayyadameera. Sirreeffama akkamii akka inni godhe hubattaniittuu? (Hojii Ergamootaa 2:16, 17 dubbisi.) Pheexiros caqasicha yommuu jalqabu jechoota “sana booda” jedhutti fayyadamuu mannaa jechoota, “guyyoota dhumaatti” jedhutti fayyadameera, kunis guyyoota dhumaa sirna Yihudootaa kan argisiisu dha. Yeroo sanatti hafuurri Waaqayyoo “foon kan uffate hunda irratti” ni dhangalaʼa. Kun immoo raajiin Yoʼel raawwatamuu isaa dura yeroo dheeraan akka darbe argisiisa.
16. Jaarraa jalqabaatti hafuurri Waaqayyoo hojii lallabaa irratti dhiibbaa akkamii godheera? Yeroo harʼaatti hoo?
16 Hojiin lallabaa balʼinaan babalʼachuu kan jalqabe jaarraa jalqabaatti hafuurri Waaqayyoo karaa dinqisiisaa taʼeen erga dhangalaʼee booda dha. Dh.K.B. naannoo bara 61tti yeroo Phaawulos ergamaan xalayaa isaa gara Qolosaayisitti barreessu misiraachichi “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” akka lallabame dubbachuu dandaʼeera. (Qol. 1:23) Bara Phaawulositti ‘uumama hunda’ kan jedhu kutaawwan addunyaa Phaawulosii fi warri kaan keessa adeemuu dandaʼan kan argisiisu dha. Gargaarsa hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabuun hojiin lallabaa yeroo harʼaa “hanga andaara lafaatti” baayʼee babalʼateera.— HoE. 13:47; saanduqa ‘Hafuura Koo nan Dhangalaasa’ jedhu ilaali.
-