-
Ooʼa Argisiisuu BarateeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
8 Mootichis yommuu ergaa Yoonaas dhagaʼu yaada garaa geddarate. Waaqayyoon sodaachuudhaan, teessoosaarraa kaʼee, uffatasaa ofirraa baasee uffata namoonni hundi uffatan uffachuudhaan, “daaraa keessa in taaʼe.” Achiis “gurguddoota” ykn namootasaa beekamoo taʼanii wajjin, namoota muraasa qofa utuu hin taʼin, guutummaan biyyichaa akka soomu labsii baase. Horii manaa dabalatee namoonni hundi uffata gaddaa akka uffatan ajaje.b Namoonni biyyasaa keessa jiran hamoota akka taʼaniifi wanta gadhee kan raawwatan taʼuusaanii gad of deebisuudhaan amanee fudhate. Mootichi, “Waaqayyo . . . akka nuyi hin badnettis aarii isaa isa finiinaa irraa in deebiʼa taʼa” jechuudhaan, Waaqni dhugaan yaada garaa geddarachuusaanii argee ooʼa akka isaanitti argisiisu abdii qabu dubbate.—Yon. 3:6-9.
-
-
Ooʼa Argisiisuu BarateeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
b Yaanni asirra jiru waan hin taane fakkaachuu dandaʼus, bara duriitti raawwatameera. Barreessaa seenaa Giriikii kan ture Herodotas, Asoronni durii janaraallisaanii beekamaa taʼe tokko yommuu duʼu isaanis taʼan horiinsaanii akka gaddan ibseera.
-