-
Ooʼa Argisiisuu BarateeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
20 Waaqayyo Yoonaas biqiltuu buqqee hadhooftuu inni hin dhaabneefi hin guddisne halkan tokkotti biqilee goguusaatti akka gadde isaaf ibse. Achiis Waaqayyo akkas jedheen: “Mandara Nanawwee keessa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama irra caalanii fi horii qeʼee baayʼeetu jiraata; namoonni ishee keessa jiraatan sun warra bitaa fi mirga iyyuu gargar baasuu hin dandeenyee dha; egaa ani immoo mandara guddittii namoonnii fi horiin hammasii keessa jiraatan kanaaf garaan ana hin jibbuu ree?”—Yon. 4:10, 11.d
21. (a) Yihowaan Yoonaasiin barsiisuuf maalitti fayyadame? (b) Seenaan waaʼee Yoonaas dubbatu haqaan of gamaaggamuuf kan nu gargaaru akkamitti?
21 Yihowaan biqiltuu buqqee hadhooftuu kanatti fayyadamee maal barsiisaa akka jiru hubatteettaa? Yoonaas biqiltuu sana kunuunsuuf wanta godhe hin qabu. Karaa gara biraammoo, Yihowaan namoota Nanawweetiif jireenya kan kenne siʼa taʼu, akkuma uumama lafarra jiran hundaa isaaniifis wanta jireenyaaf barbaachisu kan kennu isadha. Yoonaas horiisaanii dabalatee namoota 120,000 caalaa biqiltuu tokkoof iddoo guddaa kan kenne akkamitti? Kana kan godhe ilaalcha ofittummaa waan qabuuf mitii? Yoonaas biqiltuu sanaaf kan ooʼe dhuunfaatti waan isa fayyadeef akka taʼe beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun Nanawweetti kan aare ofittoo waan taʼeef, maqaasaatiif garmalee waan yaaddaʼeefi gochisaa sirrii taʼuusaa mirkaneessuu waan barbaaduuf ture. Seenaan Yoonaas haqaan akka of gamaaggamnu nu gargaaruu dandaʼa. Nu keessaa namni fedhii ofittummaa hin qabne jiraa? Yihowaan akkumasaa ofittummaarraa walaba akka taanu, gara laafeyyii akka taanuufi ooʼa qabeeyyii akka taanu obsan nu barsiisuusaatti baayʼee isa galateeffanna.
-
-
Ooʼa Argisiisuu BarateeraFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
c Jechi afaan Ibrootaa caqasa kanarratti “biqiltuu akka qobboo” jedhamee hiikame, “buqqee hadhooftuu” jechuudha.
-