LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Sadaasa
    • 15, 16. (a) Kitaaba Anbaaqom keessaa abdii guddaa akkamii argachuu dandeenya? (b) Abdiiwwan kun maal nu barsiisu?

      15 Yihowaan nama qajeelaa isa amanatuuf abdii, “Namni qajeelaan garuu amantii isaatiin in jiraata,” akkasumas “lafti ulfina Waaqayyoo beekuudhaan in guutamti” jedhu kenneera. (An. 2:4, 14) Eeyyee, namoonni Waaqayyoon amanachuudhaan obsaan eeggatan jireenya argachuudhaan badhaafamu.

  • Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Sadaasa
    • 17. Kitaabni Anbaaqom abdii akkamii nuuf kenna?

      17 Kitaabni Anbaaqom warra guyyoota dhumaa keessa jiraannu hundaaf barumsa guddaa kenna. Yihowaan namni qajeelaan amantii fi amanannaa isa irratti qabu argisiisu kam iyyuu jireenya akka argatu abdii kenneera. Kanaafuu rakkinnii fi yaaddoon akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe, amantii fi amanannaa Waaqayyo irratti qabnu cimsachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan akka nu deggeruu fi akka nu oolchu karaa Anbaaqom nuuf mirkaneesseera. Inni akka isa amanannuu fi yeroo inni murteesse jechuunis yeroo Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafti namoota gammadoo fi garraamii isa waaqeffataniin guutamtu obsaan akka eeggannu gaarummaadhaan nu gaafata.—Mat. 5:5; Ibr. 10:36-39.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi