LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Sadaasa
    • 7. Yihowaan yaaddoo Anbaaqomitti dhagaʼame ilaalchisee maal godhe?

      7 Anbaaqom 1:5-7 dubbisi. Anbaaqom dhiphinaa fi yaaddoo isaa Yihowaatti erga himatee booda, Yihowaan akkamitti deebii akka kennu yaadee taʼuu dandaʼa. Yihowaan abbaa namaaf yaaduu fi nama hubatu waan taʼeef, iyyata Anbaaqom garaa qulqulluudhaan dhiheesseef isatti hin dheekkamne. Waaqayyo iyyanni isaa kun dhiphinaa fi gadda irraa kan madde akka taʼe beeka ture. Yihowaan jechoota Yihudoota daandii isaa irraa maqan ilaallatanitti fayyadamuudhaan, wanta yeroo dhihoo keessatti raawwatamu Anbaaqomitti beeksiseera. Yihowaan dhumni bara hamaa sun dhihaachuu isaa yeroo jalqabaatiif kan hime Anbaaqomitti taʼuu dandaʼa.

      8. Deebiin Yihowaan kenne Anbaaqomiif rakkisaa kan taʼe maaliif ture?

      8 Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼaa taʼuu isaa Anbaaqomitti argisiiseera. Adabni dhaloota lola jaallatuu fi hamaa taʼe sanaa baayʼee dhihaateera. Yihowaan yaada “bara keessan keessa” jedhutti fayyadamuudhaan murtiin kun kan raawwatamu bara jireenyaa raajichaatti ykn namoota yeroo sana keessa jiraataniitti taʼuu isaa argisiiseera. Deebiin Yihowaan kenne matumaa wanta Anbaaqom eege hin turre. Kun deebii iyyata isaatiif kenname turee? Wanti Yihowaan isatti hime dhiphinni Yihudoota hundaa dabalaa akka adeemu kan argisiisu ture.a Gara jabinnii fi hamminni Kaladootaa (Baabilonotaa) isa kan saba Anbaaqom warra yoo xinnaate ulaagaa Yihowaa beekan caalaa kan hammaatu dha. Yihowaan saba isaa irratti rakkina fiduuf saba hamaa isa hin waaqeffanne kanatti kan fayyadamu maaliifi? Utuu isin taʼee deebii Waaqayyoo kana erga dhageessanii booda maal gootu turtan?

  • Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Sadaasa
    • a Anbaaqom 1:5 rakkinni kun Yihudoota hundumaa irratti akka dhufu argisiisuuf jecha “isin” jedhuu fi baayʼina argisiisutti fayyadameera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi