-
Mulʼanni Zakaariyaas kan Si Ilaallatu Akkamitti?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Onkoloolessa
-
-
16. (a) Zakaariyaas itti aansee quunnaa safaraa sana irratti maaltu akka raawwatame arge? (Fakkii jalqabaa 3ffaa ilaali.) (b) Dubartoonni qoochoo qaban sun quunnaa safaraa sana eessatti geessan?
16 Itti aansee dubartoota qoochoo ciccimaa akka qoochoo allaattii guguddaa taʼe qaban lamatu mulʼate. (Zakaariyaas 5:9-11 dubbisi.) Dubartoonni kun dubartii quunnaa safaraa keessa turte irraa baayʼee adda! Dubartoonni kun qoochoo isaanii isa ciccimaa sanaan quunnaa safaraa isa “jalʼina” qabate sana butanii ol fuudhan. Eessatti geessaa jiru laata? Jalʼinni “biyya Baabilonitti” geeffamee achi kaaʼame. Haa taʼu malee, quunnaa safaraa sana gara Baabilonitti kan geessan maaliifi?
17, 18. (a) Baabilon ‘jalʼina’ keessa kaaʼuuf iddoo sirrii kan taate maaliifi? (b) Jalʼina ilaalchisee murtoon keenya maal taʼuu qaba?
17 Israaʼeloota bara Zakaariyaas turaniif, Baabilon bakka jalʼinni kaaʼamu taʼuun ishii sirrii ture. Zakaariyaasii fi Yihudoonni lammii isaa taʼan, bara sanatti Baabilon bakka jalʼinaa akka taate mirkaneessuu dandaʼu. Magaalaa xurooftuu fi waaqolii tolfamoo waaqeffattu kana keessatti waan guddataniif, guyyaa guyyaadhaan hafuura addunyaa Waaqayyoon hin beekne sanaa dandamachuuf qabsoo gochaa turan. Mulʼanni kun Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu akka eegu wabii kennuun isaa boqonnaa guddaa isaaniif kennee taʼuu qaba!
18 Kana malees, mulʼanni kun Yihudoonni qulqullina waaqeffannaa isaanii eeganii itti fufuuf itti gaafatamummaa akka qaban isaan yaadachiiseera. Jalʼinni saba Yihowaa keessa seenuu fi keessa jiraachuu hin dandaʼu, heyyamamuufis hin qabu. Gara jaarmiyaa Waaqayyoo jaalala qabeessa isa nama eegutti erga dhufnee booda, jaarmiyaa kun eegamee akka itti fufu gargaaruuf itti gaafatama qabna. Qulqullina “mana” keenyaa eeguuf kakaaneerraa? Jalʼinni kam iyyuu jannata hafuuraa keenya keessatti iddoo hin qabu.
-