-
‘Nuyi Isinii Wajjin In Dhaqna’Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Amajjii
-
-
1, 2. (a) Yihowaan yeroo keenyatti maaltu akka raawwatamu dubbateera? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaatu deebii argata? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
YIHOWAAN yeroo keessa jiraannu ilaalchisee raajii akkana jedhu dubbateera: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” (Zak. 8:23) Akkuma namoota kurnan fakkeenyaan ibsaman kanaa, warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban ‘fiixee uffata nama Yihudii tokkoo qabataniiru.’ Namoonni kun Yihowaan warra dibaman eebbisaa akka jiru waan beekaniif, “Israaʼel Waaqayyoo” warra hafuuraan dibamanii wajjin michoomuu isaaniitti ni boonu.—Gal. 6:16.
-
-
‘Nuyi Isinii Wajjin In Dhaqna’Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Amajjii
-
-
4. Maqaa dibamtoota yeroo ammaa lafa irratti argaman hundumaa beekuun kan hin dandaʼamne erga taʼee, isaanii ‘wajjin dhaquu’ kan dandeenyu akkamitti?
4 Maarree, maqaa Israaʼeloota hafuuraa yeroo ammaa lafa irratti argaman hundumaa beekuun kan hin dandaʼamne erga taʼee, miseensonni hoolota kan biraa isaanii ‘wajjin dhaquu’ kan dandaʼan akkamitti? Namoota kurnan fakkeenyaan ibsaman ilaalchisee wanta raajii Zakaariyaas keessatti ibsame hubadhu. Namoonni kun, “fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” As irratti kan caqasame Yihudii tokko qofa taʼus, bakka lamaan irratti iyyuu ibsi maqaa “isin” jedhu galeera. Kanaafuu, Yihudiin hafuuraa kun garee dibamtootaa hunda kan argisiisu malee nama tokko qofa kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu! Kanaafuu, Yihudii hafuuraa hunda adda baafatanii beekuunii fi isa ykn ishii wajjin deemuun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa, garee namoota kanaa beekuu fi garee kana deggeruu qabna. Kitaabni Qulqulluun matumaa nama tokko duukaa akka buunu nu hin jajjabeessu. Geggeessaan keenya Yesusi dha.—Mat. 23:10.
-