LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • BOQONNAA SADII

      “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”

      Yesuus ilmoo harreerra taaʼee yeroo dhufu namoonni daandii qarqara jiran sagalee guddaa dhageessisaa fi damee muka meexxii qabatanii isa simachaa jiru. Warri kaanimmoo uffata irraan uffatanii fi damee muka meexxii lafarra afaa jiru.

      “Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa”

      1-3. Yesuus gara Yerusaalem kan dhufe haala akkamiitiini? Yeroo kanatti namoonni tokko tokko kan isaan ajaaʼibe maaliif taʼuu dandaʼa?

      MAGAALAAN Yerusaalem gammachuudhaan guutamteetti. Namni bakki guddaan kennamuuf tokko garashii dhufaa jira. Magaalattiidhaa alatti namoonni hedduun karaarratti walitti qabamaniiru. Namoonni tokko tokko, dhaaltuun Daawit Mootichaa, Bulchaa Israaʼel taʼuuf mirga qabu isa akka taʼe waan dubbataniif, namoonni magaalattii isa simachuuf hawwiidhaan eegaa jiru. Namoonni baayʼeen isa simachuuf damee muka meexxii qabataniiru, warri kaanimmoo kabaja isaaf qaban argisiisuuf uffata irraan uffatanii fi damee mukaa karaarra afaa jiru. (Maatewos 21:7, 8; Yohaannis 12:12, 13) Namoonni magaalattii hedduun, ‘Haala akkamiitiin dhufa laata?’ jedhanii yaaduu hin oolan.

      2 Namoonni tokko tokko wanti adda taʼe akka raawwatamu eeganii taʼuu dandaʼa. Namoota beekamoo ulfina guddaadhaan gara biyya isaaniitti galan akka beekan hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, Abiishaalom ilmi Daawit mootii taʼuusaa yeroo labsetti, namoota gaarii fardaasaa dura fiigan 50 qopheeffatee ture. (2 Saamuʼel 15:1, 10) Bulchaa Roomaa kan taʼe Juuliyes Qeesaarimmoo wanta kanarra baayʼee caalu godheera; yeroo tokko injifannoo erga argatee booda loltoota hedduu of duukaa buusee fi arboota 40 ibsaa baataniin marfamee gara Roomaatti deebiʼe. Amma garuu namoonni Yerusaalem eegaa kan jiran nama namoota kanarra baayʼee caaludha. Hubatanis hubachuu baatanis, namni isaan eegaa jiran kun Masiihicha isa namoota lafarra jiraatan hundarra caaludha. Yeroo Mootiin kun gara magaalattii dhufu garuu, namoonni tokko tokko isaan ajaaʼibee taʼuu dandaʼa.

      3 Gaariin fardaa, namoonni fiigan, fardeen ykn arboonni isa faana hin jiran. Yesuus dhufaa kan jiru harree ishee horii feʼumsaa taaterra taaʼeeti.a Mootiin kun uffata adda taʼe hin uffanne, harreen inni irra taaʼes karaa adda taʼeen hin miidhagfamne. Harree sanarra kan jiru kooraa gatii guddaa qabu utuu hin taʼin, uffata duuka buutonnisaa irra buusan qofadha. Namoonni hamma isaa bakka guddaa hin qabne gara magaalaa isaanii kan seenan haala baayʼee adda taʼeen taʼus, Yesuus haala akkasiitiin gara Yerusaalemitti galuu kan filate maaliifi?

      4. Kitaabni Qulqulluun akkaataa Masiihichi inni Mootii taʼe gara Yerusaalem itti dhufu ilaalchisee raajii akkamii dubbata?

      4 Yeroo kanatti Yesuus raajiin kun akka raawwatamu gochaa ture: “Baayʼee gammadi. Yaa intala Yerusaalem, injifannoodhaan iyyi. Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa. Inni qajeelaa dha, fayyina ni argamsiisa, kan gad of qabu dhas; harree irra taaʼee . . . ni dhufa.” (Zakkaariyaas 9:9) Raajiin kun Masiihichi inni Waaqayyo dibe, gaaf tokko Mootii Waaqayyo muude taʼee namoota Yerusaalemitti akka mulʼatu ibsa. Harreerra taaʼuuf filachuusaa dabalatee, akkaataan Mootii taʼuusaa itti argisiise amala gad of qabuu isa baayʼee nama hawwatu akka qabu argisiisa.

  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • a Barreeffamni tokko waaʼee haala kanaa yeroo ibsu, harreen “uumama gad aantuu, saffisa hin qabne, didduu, horii hiyyeessonni yeroo hunda itti fayyadamanii fi biftishii namatti hin tolle” akka taate dubbateera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi