-
“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Aadaa Ayyaana Qillee isa baramaa taʼe irraa haala adda taʼeen Kitaabni Qulqulluun imaltoota Yesuus erga dhalatee booda isa ilaaluu deeman sana “namoota ogeeyyii sadan” ykn “mootota sadan” jechuudhaan hin ibsu. (Maatewos 2:1) Kanaa mannaa, barreessaan Wangeela Maatewos namoota Yesuusiin gaafachuu deeman sana ibsuuf jecha Afaan Giriikiitiin maagooyi jedhutti fayyadama. Jechi kun namoota urjii lakkaaʼuu fi gocha hafuurota hamoo raawwachuu irratti dandeettii qaban kan argisiisu taʼuu hin oolu.a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun namoota kana “warra urjii lakkaaʼan” ykn “ogeessota”b jedhuudhaan ibsu.
-
-
“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
“Namoonni ogeeyyiin” kun meeqa turan?
Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa kan hin ibsine taʼus, waaʼee lakkoofsa namoota kanaa yaada gara garaatu kennama. Kitaabni Encyclopedia Britannica jedhamu akka jedhutti, “Aadaan gara Bahaa lakkoofsi namoota kanaa 12 akka taʼe kan ibsu siʼa taʼu, aadaan gara Dhihaa immoo lakkoofsi isaanii sadii akka taʼe ibsa; tarii lakkoofsi kun kennaawwan sadan jechuunis, ‘warqii, ixaana adii fi qumbii’ (Maatewos 2:11) daaʼima sanaaf kenname sana irratti hundaaʼee taʼuu dandaʼa.”
“Namoonni ogeeyyiin” kun mootota turanii?
Aadaa Ayyaana Qillee irratti namoonni kun mootota akka taʼan kan ibsamu taʼus, Kitaabni Qulqulluun bakka kamitti iyyuu namoonni kun mootota akka taʼan hin dubbatu. Kitaabni Encyclopedia Britannica jedhamu akka jedhutti dhaloota Yesuus ilaalchisee yaadawwan hedduun kan dabalaman jaarraawwan hedduu booda siʼa taʼu, namoonni hedduunis jarri kun mootota akka taʼan dubbachuu jalqaban.
Maqaan ‘namoota ogeeyyii’ kanaa eenyufaa ture?
Kitaabni Qulqulluun maqaa namoota urjii lakkaaʼan kanaa hin ibsu. Kitaabni The International Standard Bible Encyclopedia jedhamu akka ibsetti, sheekkoowwan maqaan namoota kanaa Gaaspaar, Melkiyoorii fi Baaltaasaar akka taʼe ibsan jiru.
-
-
“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
a Dh.K.D jaarraa shanaffaatti barreessaa seenaa kan taʼe namni biyya Giriikii Herodotas akka jedhetti namni bara isaatti maagooyi jedhamu gosa biyya Meedon (Faares) keessaa tokko siʼa taʼu, nama urjii lakkaaʼuu fi abjuu hiikuudhaan beekamaa taʼe tokko kan argisiisu taʼuu isaa ibseera.
b Ragaa dabalataatiif Hiika Bara 1899 fi Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya ilaali. Macaafni Qulqulluun Afaan Oromoo bara 1997tti maxxanfame namoota kana ‘namoota ogeeyyii’ jechuudhaan kan waamu taʼus, lakkoofsi isaanii sadii taʼuu isaa garuu hin ibsu.
-