LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Mootummaan Kee Haa Dhufu”
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • 15, 16. Yaanni ‘dhaloota siʼanaa’ jedhu eenyuunfaa argisiisa?

      15 Haataʼu malee, Mootummaan Waaqayyoo yoom dhufa? Yesus guyyaa Mootummaan kun itti dhufu hin dubbanne. (Mat. 24:36) Taʼus, wanta Mootummichi dhiheenyatti akka dhufu nuu mirkaneessu tokko dubbateera. Yesus Mootummichi kan dhufu, “dhaloonni siʼanaa” mallattoowwan raawwii raajii kanaa erga argee booda akka taʼe dubbateera. (Maatewos 24:32-34 dubbisi.) Yaanni ‘dhaloota siʼanaa’ jedhu eenyuun argisiisa? Mee wanta Yesus dubbate kana gad fageenyaan haa qorru.

      16 ‘Dhaloota siʼanaa.’ Yesus yaada kana kan dubbate namoota Kiristiyaana hin taane sammuutti qabateetii? Lakki. Mee yaada kana kan dubbate eenyufaatti akka taʼe haa ilaallu. Yesus raajii kana kan dubbate, ergamootasaa muraasa warra ‘kophaatti garasaa dhufanitti’ ture. (Mat. 24:3) Ergamoonnisaa yeroo muraasa booda hafuura qulqulluudhaan ni dibamu. Mee yaada naannoo caqasichaa jirus hubadhaa. Yesus waaʼee ‘dhaloota siʼanaa’ dubbachuusaa dura, “Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhiʼaate in hubattu. Akkasuma isinis immoo, kana hundumaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhiʼaate beekaa!” jedhee ture. Raajii Yesus dubbate hubachuufi hiika raajiin kun qabu, jechuunis ‘akka inni balbalatti dhihaate beekuu’ kan dandaʼan, namoota hin amanne utuu hin taʼin duuka buutotasaa warra dibamanidha. Kanaaf, Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ yommuu jedhu, duuka buutotasaa warra dibamoo sammuutti qabatee ture jechuudha.

      DHALOOTA

      (Mat. 24:32-34)

      Yesus Mootummichi kan dhufu, “dhaloonni siʼanaa” raajiin bara dhumaa ilaalchisee dubbatame raawwatamuusaa erga argee booda akka taʼe ibseera (Keeyyata 17fi 18 ilaali)

      Duraa duuba yeroo “dhaloota siʼanaa” isa raajii Yesus Maatewos 24:32-34 irratti dubbate irraa argame ibsu

      GAREE 1: Kiristiyaanota dibamoo mallattichi bara 1914⁠tti ennaa raawwatamuu jalqabe argan

      GAREE 2: Dibamtoota warra yeroo taʼe tokkotti garee tokkoffaa wajjin jiraatan; isaan keessaa tokko tokko rakkinni inni guddaan yommuu jalqabu ni argu

      17. Yaanni ‘dhaloota’ akkasumas “wanti kun hundi” jedhu hiika maalii qaba?

      17 “Wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti . . . hin darbu.” Yaanni kun raawwiisaa kan argatu akkamitti? Gaaffii kana deebisuuf, yaanni ‘dhalootaafi’ “wanti kun hundi” jedhu hiika maalii akka qabu beekuu qabna. Jechi ‘dhaloota’ jedhu yeroo baayʼee namoota umrii addaddaa qabaniifi yeroo taʼe tokko keessatti waliin jiraatan argisiisuuf itti hojjetama. Dhaloonni tokko garmalee dheeraa kan hin taane taʼuusaarrayyuu xumuras qaba. (Bau. 1:6) Yaanni “wanti kun hundi” jedhu, wantoota yeroo argamuu Yesus isa bara 1914⁠tti jalqabee kaasee, hamma xumura argamuusaa isa yeroo ‘rakkina guddaatti’ raawwataman hunda kan dabalatudha.—Mat. 24:21.

      18, 19. Yaada Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ jechuudhaan dubbate akkamitti hubachuu qabna? Kanarraa kaʼuudhaan yaada xumuraa akkamiirra gaʼuu dandeenya?

      18 Maarree yaada Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ jechuudhaan dubbate kana akkamitti hubachuu qabna? Dhaloonni kun garee Kiristiyaanota dibamoo yeroo taʼe tokkotti waliin jiraatan lamaan kan argisiisudha. Gareen inni tokkoffaan, obboloota dibamoo yeroo mallattoon argamuu Yesus bara 1914⁠tti raawwatamuu jalqabe argan kan argisiisu siʼa taʼu, gareen lammaffaanimmoo, Kiristiyaanota dibamoo yeroo taʼe tokko keessa garee tokkoffaa wajjin jiraatan kan argisiisudha. Yoo xinnaate Kiristiyaanonni garee lammaffaa keessa jiran tokko tokko yeroo rakkinni guddaan jalqabu ni argu. Gareen Kiristiyaanota dibamoo kun lamaan yeroo taʼe tokkotti waan waliin jiraataniif, dhaloota tokko jedhamuu dandaʼu.c

      19 Kanarraa kaʼuudhaan yaada xumuraa akkamiirra gaʼuu dandeenya? Mallattoon Yesus aangoo Mootummaasaatiin argamuusaa ibsu addunyaa maratti raawwatamaa jira. Akkasumas Kiristiyaanonni dibamoon kutaa ‘dhaloota siʼanaa’ taʼaniifi yeroo ammaa jiran dulloomaniiru; taʼus rakkinni inni guddaan jalqabuusaa dura hundisaanii duʼanii hin dhuman. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti dhufee lafa kana akka bulchu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Maarree, kadhannaan Yesus “Mootummaan kee haa dhufu” jechuudhaan barsiise yommuu raawwatamu arguun baayʼee kan nama gammachiisu mitii?

  • “Mootummaan Kee Haa Dhufu”
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi