LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?”
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Adoolessa 15
    • 16. Caqasoonni waa’ee dhufaatii Yesus ibsan kaan kamfa’i?

      16 Yesus hojjetaa amanamaafi ogeessa ilaalchisee, “Hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba” jechuudhaan dubbateera. Yesus fakkeenya waa’ee durbootaa dubbaterratti, “Yeroo isaan bitachuu dhaqanittis dhirsi misirroo in dhufe” jedheera. Fakkeenya waa’ee meetii dubbaterrattimmoo, “Gooftaan hojjetoota sanaa yeroo dheeraa booddee deebi’ee dhufe” jedheera. Gooftichi fakkeenyuma kanarratti, ‘deebii [‘dhufaatii,’ hiika bara 1899] kootti kan koo nan fudhadha’ jedheera. (Mat. 24:46; 25:10, 19, 27) Haalawwan waa’ee dhufaatii Yesus ibsan arfan kun yeroo isa kam kan argisiisanidha?

      17. Dhufa Yesus isa Maatewos 24:46⁠rratti caqasame ilaalchisee maal jennee turre?

      17 Kanaan dura barreeffamoota keenyarratti raajiiwwan arfan xumuraa kun, Yesus bara 1918⁠tti deebi’uu ykn dhufuusaa kan argisiisan akka ta’an ibsinee turre. Yaada Yesus ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ ilaalchisee dubbate akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Dhufaatiin lakkoofsa 46⁠rratti ibsame, yeroo Yesus karaa hafuuraa dibamtoonni haala akkamii keessa akka jiran ilaaluuf bara 1918⁠tti dhufeefi hojjeticha qabeenya gooftichaa hundarratti muuduuf bara 1919⁠tti dhufee wajjin akka wal qabatu yaadna turre. (Mil. 3:1) Haata’u malee, raajii Yesus dubbaterratti bal’inaan yommuu yaadnu, yeroo raajiiwwan kana keessaa tokko tokko itti raawwataman ilaalchisee sirreeffama gochuun barbaachisaa akka ta’e hubanna. Maaliif?

      18. Raajii Yesus dubbate guutummaasaa qoruun keenya waa’ee dhufaatii Yesus maal akka hubannu nu gargaara?

      18 Lakkoofsota Maatewos 24:46 dura jiranirratti, jechi ‘dhufaatii’ jedhu yeroo rakkina guddaatti Yesus firdii kennuufi raawwachiisuuf kan dhufu ta’uusaa argisiisa. (Mat. 24:30, 42, 44) Akkuma keeyyata 12⁠rratti ilaalle, ‘dhufaatiin’ Yesus Maatewos 25:31⁠rratti caqasames yeroo gara fuulduraa firdii kennuudhaaf itti dhufu kan argisiisudha. Kanaafuu, Maatewos 24:46, 47 Yesus hojjetaa amanamaa qabeenyasaa hundarratti muuduuf kan dhufu, gara fuulduraatti, jechuunis yeroo rakkina guddaatti akka ta’e dubbata jechuuf sababii ga’aa qabna. Raajii Yesus dubbate guutummaasaa qoruun keenya, caqasoonni saddeettan waa’ee dhufaatiisaa ibsan kun hundi yeroo firdii rakkina guddaatti raawwatamu kan argisiisan ta’uusaa ifa nuu godheera.

  • “Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?”
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Adoolessa 15
    • e Keeyyata 15: [5] Jechoonni ‘dhufaafi’ “deebii” jedhan lamaanuu, jecha afaan Giriikii eerkomaay jedhurraa kan dhufanidha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi