LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus gaaffii ergamoonni isaa waaʼee argamuu isaa fi dhuma sirna kanaa ilaalchisee gaafataniif deebii kennee ture. Amma immoo dhimma kana yaadatti qabachuudhaan fakkeenya kan biraatti fayyadamee gorsa ogummaa irratti hundaaʼe isaaniif kenne. Raawwii fakkeenya kanaa kan argan warra yeroo inni argamutti jiraatani dha.

      Yesuus fakkeenyicha akkana jechuudhaan jalqabe: “Mootummaan samii durboota kudhan dhirsa misirroo simachuuf ibsaa isaanii fudhatanii gad baʼanii wajjin wal fakkaata. Isaan keessaa shan gowwoota, shan immoo abshaalota turan.”—Maatewos 25:1, 2.

      Yesuus barattoota isaa Mootummaa samii dhaalan keessaa walakkaan abshaalota, walakkaan immoo gowwoota akka taʼan dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, Mootummichaa wajjin haala wal qabateen, tokkoon tokkoon barattoota isaa dammaqoo taʼuu ykn yaadni isaanii akka hihhiramu heyyamuuf filachuu akka dandaʼan ibsuu isaa ti. Taʼus, Yesuus tajaajiltoonni isaa hamma dhumaatti amanamoo akka taʼanii fi eebba Abbaa isaa akka argatan shakkii hin qabu.

      Fakkeenyicha irratti durboonni kurnan dhirsa misirroo simachuu fi cidhicha irratti argamuuf eegaa turan. Durboonni kun dhirsi misirroo misirrottii gara mana ishiidhaaf qophaaʼetti yommuu fidu ibsaa isaaniitiin daandichi akka ifu gochuudhaan kabajaan isa simatu. Haa taʼu malee haalli isaa akkam taʼe laata?

  • Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Ergamoonni, misirrichi Yesuus caqase eenyuun akka argisiisu hubachuu ni dandaʼu. Yesuus kanaan dura dhirsa misirrootti of fakkeessee ture. (Luqaas 5:34, 35) Durboonni abshaala taʼan hoo eenyuun argisiisu? Yesuus “tuuta xinnoo” Mootummaan isaaf kennamu ilaalchisee, “Uffata keessan uffadhaa qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsaa” jedhee ture. (Luqaas 12:32, 35) Kanaaf, ergamoonni, Yesuus fakkeenya durboota kanaa dubbachaa kan jiru barattoota amanamoo akka isaaniitiif akka taʼe hubachuu ni dandaʼu. Barumsi Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee dabarsuu barbaade maali dha?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi