LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
    • 9. (a) Yesus dadhabina foon keenyaa ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Dibamtoonni sagalee “Dhirsi misirroo dhufaa jira!” jedhu yeroo dhagaʼanitti tarkaanfii akkamitti fudhatan? (Miiljalees ilaali.)

      9 Amalli inni lammaffaan durboonni sun qophaaʼanii akka eegan isaan gargaare dammaqina dha. Kiristiyaanni dibamaan tokko halkan dheeraa dammaqinaan eeguu gaafatu sanatti muguu ni dandaʼaa? Eeyyee. Yesus, durboonni kurnan dhirsi misirroo waan ture yeroo isaanitti fakkaatetti ‘hundumti isaanii muganii rafanii’ akka turan dubbachuu isaa hubadhaa. Yesus namni fedhii fi hawwii qabu illee, dadhabina fooniitiin moʼamuu akka dandaʼu beeka ture. Dibamtoonni amanamoo taʼan hubachiisa kana hordofuudhaan, dammaqoo taʼanii eeguudhaaf yeroo kam iyyuu caalaa cimanii hojjechaa turaniiru. Fakkeenyicha irratti akkuma ibsame sagalee guddaa halkan sanatti dhagaʼamee fi “Dhirsi misirroo kunoo ti [“dhufaa jira,” NW]!” jedhu yeroo dhagaʼanitti hundi isaanii iyyuu tarkaanfii fudhataniiru. Haa taʼu malee, hanga dhumaatti jabaatanii kan dhaabatan warra dammaqoo qofa dha. (Mat. 25:5, 6; 26:41) Waaʼee dibamtoota amanamoo yeroo harʼaa jiranii hoo maal jechuu dandeenya? Guyyoota dhumaa keessatti ragaa qabatamaa, akkuma sagalee, “Dhirsi misirroo dhufaa jira” jedhuu taʼee fi Dhirsi Misirroo baayʼee akka dhihaate argisiisu hubachuudhaan tarkaanfii fudhataniiru. Dhufaatii Dhirsa Misirroo yeroo hunda qophaaʼanii eeguudhaanis, jabaatanii dhaabataniiru.a Haa taʼu malee, dhumni fakkeenyichaa yeroo murtaaʼe tokko irratti xiyyeeffata. Akkas kan jennu maaliifi?

  • ‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
    • a Fakkeenyicha keessatti yeroo sagaleen “Dhirsi misirroo kunoo ti [“dhufaa jira,” NW]!” jedhu (lakkoofsa 6) itti dhagaʼamee fi misirrichi itti dhufe ykn bakka sana itti gaʼe (lakkoofsa 10) gidduu yeroon murtaaʼe jira. Guyyoota dhumaa keessatti Kiristiyaanonni dibamoon dammaqoo taʼan mallattoowwan argamuu Yesus argisiisan hubataniiru. Kanaaf, ‘dhufaa akka jiru,’ jechuunis Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa akka jiru beeku. Kana booda hamma inni dhufutti ykn gaʼutti jabaatanii dhaabachuuf carraaqqii gochuu qabu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi