-
Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa BaradhaaMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
4, 5. Namichi ykn gooftichi eenyuun argisiisa? Gatiin taalaantii tokkoo hammam ture?
4 Maatewos 25:14-30 dubbisi. Barreeffamoota keenya irratti namni ykn gooftaan fakkeenyicha keessatti ibsame Yesus akka taʼe, kan inni biyya fagoo deeme immoo Dh.K.B. bara 33tti gara samii yeroo deemetti akka taʼe ibsamaa ture. Yesus fakkeenya sana dura dubbate irratti, gara samii kan deemu, “mootummaa fudhatee deebiʼuudhaaf” akka taʼe ifa godheera. (Luq. 19:12) Yesus gara samii akkuma deemeen Mootummaan guutummaatti isaaf hin kennamne.b Kanaa mannaa, ‘gara mirga Waaqayyoo taaʼee, diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti eeggateera.’—Ibr. 10:12, 13.
-
-
Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa BaradhaaMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
d Ergamoonni Yesus erga duʼanii booda, Seexanni gantummaa kan kakaase siʼa taʼu, gantummaan kunis jaarraawwan hedduudhaaf babalʼachaa ture. Yeroo sanatti namoota bartoota Kiristos gochuuf hojichi ciminaan hojjetamaa hin turre. Haa taʼu malee, haalli kun yeroo “midhaan sassaabamutti,” jechuunis guyyoota dhumaa keessatti jijjiirameera. (Mat. 13:24-30, 36-43) Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2013, fuula 9-12 ilaali.
-
-
Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa BaradhaaMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
8. Taalaantiin hojjettoonni isaa fudhatan lakkoofsi isaa adda adda taʼus gooftichi maal isaan irraa eega?
8 Fakkeenya taalaantichaa irratti akkuma ibsame, gooftichi hojjetaa isa tokkoof taalaantii shan, isa tokkoof taalaantii lama, isa tokkoof immoo taalaantii tokko kenne. (Mat. 25:15) Taalaantiin hojjettoota kanaaf kenname lakkoofsi isaa adda adda taʼus, gooftichi hundi isaanii iyyuu dhimmanii akka ittiin hojjetan, jechuunis hamma dandeettii isaanii akka tajaajilan irraa eega. (Mat. 22:37; Qol. 3:23) Duuka buutonni Kiristos jaarraa jalqabaatti, guyyaa ayyaana Phenxeqostee bara 33tti kabajamee jalqabee taalaantii kanaan daldaluu eegalaniiru. Hojii lallabaa fi bartoota gochuu hammam dhimmanii hojjechaa akka turan kitaaba Hojii Ergamootaa irratti galmeeffameera.d—HoE. 6:7; 12:24; 19:20.
BARA DHUMAATTI TAALAANTICHAAN DALDALUU
9. (a) Hojjettoonni amanamoo taʼan lamaan taalaanticha maal godhan? Kun hoo maal argisiisa? (b) ‘Hoolonni kan biraan’ gaʼee akkamii qabu?
9 Bara dhumaatti, keessumaa bara 1919 kaasee, hojjettoonni Yesus warri dibamoon amanamoo taʼanii fi lafa irra jiran taalaantii gooftichaatiin daldalaa jiru. Akkuma hojjettoota lamaanii obboloonnii fi obboleettonni dibamoon wanta qabaniin hamma dandaʼan hojjetaniiru. Taalaantii shan kan fudhate eenyu akka taʼe, taalaantii lama kan fudhate immoo eenyu akka taʼe tilmaamuun nu hin barbaachisu. Fakkeenyicha irratti, hojjettoonni lamaan wanta gooftichi isaanii kenne dachaadhaan guddisaniiru; kanaaf lamaan isaanii iyyuu qixxuma dhimmanii hojjetan jechuu dha. Warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban hoo gaʼee akkamii qabu? Gaʼee guddaa qabu! Fakkeenya Yesus hoolaa fi reʼee ilaalchisee dubbate irraa akka hubannutti, warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban hojii lallabuu fi barsiisuu irratti obboloota Yesus warra dibamoo amanamummaadhaan deggeruuf mirga guddaa argataniiru. Guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kana keessatti, gareen lamaanuu akka ‘karra tokkootti’ hojii bartoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaatu.—Yoh. 10:16.
10. Wanti argamuu Yesusiif mallattoo taʼu inni guddaan maali dha?
10 Gooftichi buʼaan akka argamu eeguun isaa sirrii dha. Akkuma olitti ibsame, bartoonni amanamoon jaarraa jalqabaatti turan qabeenyi isaa akka dabalu godhaniiru. Bara dhumaa fakkeenyi taalaantii kun itti raawwatamutti hoo haalli isaa maal fakkaata? Tajaajiltonni Yesus amanamoo taʼanii fi ciminaan hojjetan, haala kanaan dura hojjetamee hin beekneen hojii lallabuu fi bartoota gochuu balʼinaan hojjetaniiru. Carraaqqiin isaan tokkummaadhaan godhan, waggaa waggaatti bartoonni haaraan kumaatama dhibbaan lakkaaʼaman labsitoota Mootummichaatti akka dabalaman godheera; kunis hojiin lallabuu fi barsiisuu, mallattoo Yesus Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa taʼuu isaa mirkaneessu isa guddaa akka taʼu godheera. Gooftaan isaanii baayʼee akka gammade hin shakkisiisu!
Kiristos hojii lallabaa tajaajiltoota isaatti imaanaa kenneera (Keeyyata 10 ilaali)
-