-
Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa BaradhaaMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
HOJJETAA HAMAA FI DHIBAAʼAA
14, 15. Yesus obboloonni isaa dibamoo hedduun hamoo fi dhibaaʼoo akka taʼan dubbachuu isaa turee? Ibsi.
14 Fakkeenyicha keessatti, hojjetaan inni sadaffaan taalaantichaan daldaluu ykn warra dhalaan fudhatan bira kaaʼuu mannaa, awwaaleera. Hojjetaan kun taʼe jedhee wanta fedha gooftaa isaa hin taane waan raawwateef, amala gadhee argisiiseera. Kanaaf, gooftichi ‘hamaa fi dhibaaʼaa’ isaan jechuun isaa sirrii dha. Gooftichi taalaanticha isa harkaa fuudhee isa taalaantii kudhan qabuuf kenne. Sana booda hojjetaan inni hamaan “dukkana isa alaatti” darbatame. Achitti ‘ni booʼa ilkaanis ni qara.’—Mat. 25:24-30; Luq. 19:22, 23.
15 Yesus hojjettoota gooftichaa sadan keessaa tokko taalaantii isaa akka dhokse yeroo dubbatu, duuka buutota isaa dibamoo harka sadii keessaa harki tokko hamoo fi dhibaaʼoo akka taʼan dubbachuu isaa tii? Lakki. Yaada naannoo fakkeenyichaa jiru haa ilaallu. Yesus fakkeenya waaʼee hojjetaa amanamaa fi ogeessaa dubbate irratti, waaʼee hojjetaa hamaa hojjettoota hidhata isaa taʼan reebuu dubbateera. Yesus kutaan hojjetaa amanamaa hamaa taʼu akka jiru dursee dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, amala hojjetaa hamaa akka hin calaqqisiisne hojjetaa amanamaa akeekkachiisuu isaa ture. Fakkeenya waaʼee durboota kurnanii dubbatu irrattis, Yesus duuka buutota isaa dibamoo keessaa walakkaan isaanii akka durboota warra gowwaa taʼu jechuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, obboloonni isaa dammaqoo fi qophaaʼoo taʼuu baanaan wanta isaan mudachuu dandaʼu itti himuu isaa ture.f Yaadawwan kana irraa kaʼuudhaan, fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu kana keessatti Yesus obboloonni isaa dibamoo taʼan hedduun guyyoota dhumaa keessatti hamoo fi dhibaaʼoo taʼu jechuu isaa hin turre jechuu ni dandeenya. Kanaa mannaa, Yesus duuka buutonni isaa warri dibamoon hamma dhumaatti dammaqoo akka taʼan, jechuunis taalaantichaan ‘bitanii gurguruu’ ykn daldaluu akka qaban, akkasumas ilaalchaa fi gocha hojjetaa hamaa sanaa irraa fagaachuu akka qaban akeekkachiisuu isaa ture.—Mat. 25:16.
-