-
Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan DeggeruuMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
4 Bara 1881tti, Masaraan Eegumsaa Xiyoon “ilmi namaa” inni ‘mooticha’ jedhamee waamame Yesus akka taʼe ibsee ture. Barattoonni Macaafa Qulqulluu jalqaba turan, jechi Hiika Kiingi Jamsi Varshin keessatti “obboloota koo” jedhu warra Yesusii wajjin bulchanii fi warra yeroo namoonni mudaa kan hin qabne taʼanitti lafa irra jiraatan hunda argisiisa jedhanii yaadu turan. Hoolonni reʼoota irraa adda kan baafaman yeroo Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti akka taʼe godhanii yaadu turan. Akkasumas, namoonni akka hoolotaatti kan ilaalaman wanta raawwatan hundaan jaalala Waaqayyoo waan calaqqisiisaniif akka taʼe amanu turan.
5. Bara 1920mmaniitti hubannaan keenya kan fooyyaʼe akkamitti?
5 Jalqaba bara 1920mmaniitti, Yihowaan hubannaan sabni isaa fakkeenya kana irratti qaban akka fooyyaʼu gargaareera. Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1923, “ilmi namaa” Yesus akka taʼe mirkaneesse. Haa taʼu malee, eenyummaa obboloota Kiristos warra samii irratti isaa wajjin bulchanii ilaalchisee ibsa Caaffata Qulqullaaʼoo amansiisaa taʼe kan dhiheesse siʼa taʼu, hoolotatti kan fakkeeffaman namoota bulchiinsa Mootummaa Kiristos jalatti lafa irra jiraachuuf abdii qaban akka taʼan ibseera. Waaʼee yeroo hoolonni reʼoota irraa adda itti baafamanii hoo maal jedhe? Mata dureen kun, obboloonni Kiristos yeroo Bulchiinsa Barkumeetti isaa wajjin waan bulchaniif, gargaarsa warra lafa irra jiraatanii argachuu ykn dhabuu akka hin dandeenye ibsee ture. Kanaafuu, hoolonni reʼoota irraa adda kan baafaman Bulchiinsi Barkumee Kiristos jalqabuu isaa dura taʼuu qaba. Mata dureen kun, sababiin namoonni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamu, Yesus Gooftaa isaanii akka taʼe waan hubatanii fi jireenya gaarii kan fidu Mootummicha taʼuu isaa waan amananiif akka taʼe ibsee ture.
-
-
Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan DeggeruuMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
7. Yeroo ammaatti hubannaa ifa taʼe akkamii qabna?
7 Yeroo harʼaatti, fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu ilaalchisee hubannaa ifa taʼe qabna. Eenyummaa qaamolee caqasamanii ilaalchisee hubannaa armaan gadii qabna: “Ilmi namaa,” jechuunis Mootichi Yesusi dha. Warri “obboloota koo” jedhee waame, dhiirotaa fi dubartoota hafuuraan dibamanii fi samii irraa Kiristosii wajjin bulchani dha. (Rom. 8:16, 17) ‘Hoolonnii’ fi ‘reʼoonni’ namoota saba hundumaa kan argisiisani dha. Warri kun hafuura qulqulluudhaan kan dibaman miti. Yeroon murtoon itti dabarfamu hoo yoomi? Murtoon kan dabarfamu gara fuulduraatti, jechuunis gara dhuma rakkina guddaatti dha. Sababiin namoonni hoolota ykn reʼoota akka taʼanitti itti murteeffamu hoo maali dha? Murtoon kan dabarfamu karaa itti isaan obboloota Kiristos warra hafuuraan dibamanii fi lafa irra jiran itti qaban irratti hundaaʼuudhaani. Yeroo dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaatee jiru kanatti, Yihowaan hubannaan fakkeenya kanaa fi fakkeenyota Maatewos boqonnaa 24 fi 25 irratti caqasaman kaan irratti qabnu suuta suutaan akka dabalu gochuu isaatti baayʼee galateeffanna!
-
-
Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan DeggeruuMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
9 Tokkoffaa, Yesus fakkeenyatti fayyadamee barsiisaa akka jiru hubadhaa. Hoolota reʼoota irraa adda baasuu ilaalchisee wanti inni dubbate fakkeenya akka taʼe ifa dha. Haaluma wal fakkaatuun, namni akka hoolaa taʼetti isaaf murteeffamu hundi, obboloota Kiristos keessaa isa tokkoof nyaata kennuu, daara baasuu, yeroo dhukkubsatetti ykn hidhametti isa gaafachuu akka qabu dubbachuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, ilaalcha namoonni hoolotatti fakkeeffaman obboloota isaatiif qaban ibsuu barbaadee ti. Hoolonni kun Kiristos lafa irratti obboloota dibamoo akka qabu waan hubatanii fi guyyoota dhumaa sodaachisaa taʼan kanatti amanamummaadhaan obboloota isaa kana waan deggeraniif, ‘qajeelota’ akka taʼan dubbateera.—Mat. 10:40-42; 25:40, 46; 2 Xim. 3:1-5.
10. Namoonni hoolotatti fakkeeffaman obboloota Kiristositti gaarummaa argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
10 Lammaffaa, yaada naannoo fakkeenyichaa jiru ilaalaa. Yesus waaʼee mallattoo argamuu isaa fi dhuma sirnichaa dubbachaa ture. (Mat. 24:3) Jalqaba haasaa isaa irratti, mallattichi wanta dinqisiisaa gara fuulduraatti raawwatamu, jechuunis misiraachoo Mootummichaa ‘guutummaa biyya lafaatti lallabuu’ akka dabalatu dubbatee ture. (Mat. 24:14) Fakkeenya waaʼee hoolotaa fi reʼootaa ibsu dubbachuu isaa dura immoo fakkeenya waaʼee taalaantii ibsu dubbatee ture. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, Yesus fakkeenya kana kan dubbate bartoonni isaa hafuuraan dibaman, jechuunis ‘obboloonni’ isaa hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu akka qaban addeessuufi. Haa taʼu malee, dibamtoonni muraasni yeroo Yesus argamee kaasee lafa irra jiran, hojiin ulfaataan dhumni dhufuu isaa dura misiraachoo Mootummichaa “saba hundumaatti” lallabuu gaafatu isaanii kennameera. Fakkeenyi waaʼee hoolotaa fi reʼootaa dubbatu dibamtoonni gargaarsa akka argatan argisiisa. Kanaafuu, karaan namoonni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamu obboloota Kiristositti gaarummaa itti argisiisan inni guddaan hojii lallabaa irratti isaan gargaaruu dha. Deggersi isaan godhan maalfaa dabalata? Qabeenyaan gargaarsa gochuu fi jajjabina kennuu qofa moo wanta kan biraa gochuu ni dabalata?
-
-
Obboloota Kiristos Amanamummaadhaan DeggeruuMasaraa Eegumsaa—2015 | Bitootessa 15
-
-
17 Namoonni hoolota akka taʼanitti isaanii murteeffamuu fi lakkoofsi isaanii dabalaa jiru, hojii lallabaatiin qofa utuu hin taʼin karaa kan biraatiinis obboloota Kiristos deggeruuf carraa argachuu isaanii akka mirga guddaatti ilaalu. Fakkeenyaaf, ijaarsa Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa fi ijaarsa waajjiroota damee qarshiidhaanis taʼe karaawwan kan biraatiin kan deggeran taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” muudeef amanamummaadhaan abboomamu.—Mat. 24:45-47; Ibr. 13:17.
Namoonni hoolotatti fakkeeffaman karaa garaa garaatiin obboloota Kiristos deggeru (Keeyyata 17 ilaali)
-