LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Kana Yaadannoo Kootiif Godhadhaa’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Muddee 15
    • 9. Namoonni tokko tokko maxinoo Yesus itti fayyadame ilaalchisee yaada dogoggoraa akkamii qabu?

      9 Namoonni tokko tokko Yesus, ‘Kun dhagna kooti’ waan jedheef maxinoon sun dinqiidhaan gara fooniitti akka jijjiirame dubbatu. Yaanni kun garuu sirrii miti.a Yesusis ta’e maxinoon ergamoonnisaa amanamoo ta’an sun irraa hirmaatan yeroo sana isaan dura ture. Yesus akkuma yeroo kaanii, yeroo kanattis fakkeenyaan akka dubbate ifadha.​—Yoh. 2:19-21; 4:13, 14; 10:7; 15:1.

      10. Maxinoon yeroo Irbaata Gooftaa itti fayyadamnu maal argisiisa?

      10 Maxinoon ergamoonni Yesus arganiifi nyaatanii turan dhagna Yesus kan argisiisu ture. Dhagna isa kam? Yeroo tokkotti, tajaajiltoonni Waaqayyoo Yesus maxinoo sana bakka hedduutti caccabse malee, lafeesaa keessaa tokkoyyuu waan hin cabneef, maxinichi gumii Kiristiyaanota dibamoo isa ‘dhagna Kiristositti’ fakkeeffame kan argisiisu akka ta’e amanu turan. (Efe. 4:12; Rom. 12:4, 5; 1 Qor. 10:16, 17; 12:27) Haata’u malee, qorannoo bal’aa erga godhanii booda maxinichi foon Yesus kan argisiisu akka ta’e hubatan. Yesus ‘namummaa fooniitiin kan dhiphate’ ta’uusaarrayyuu mukarratti fannifameera. Kanaaf, maxinoon Irbaata Gooftaarratti dhihaatu dhagna Yesus isa inni ‘cubbuu keenya itti baate’ argisiisa.​—1 Phe. 2:21-24; 4:1; Yoh. 19:33-36; Ibr. 10:5-7.

  • ‘Kana Yaadannoo Kootiif Godhadhaa’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Muddee 15
    • 15, 16. Irbaanni Gooftaa ennaa kabajamu maxinichi maal godhama?

      15 Obboleessi haasicha dhiheessu gara xumuraarratti, yeroon wanti Yesus ergamoonnisaa akka godhan itti dubbate itti raawwatamu akka ga’e ibsa. Akkuma olitti ibsame maxinoofi wayiniin ni qopheeffama. Kunis obboleessa haasaa dhiheessu cinaa minjaalarra kaa’ama. Obboleessi sun, wanta Yesus yeroo ayyaana kana hundeessetti dubbateefi godhe ilaalchisee yaada Macaafa Qulqulluurra jirurratti ibsa kenna. Fakkeenyaaf seenaan Maatewos galmeesse, ‘Yesus maxinoo fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, ‘Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhagna koo ti!’ jedhe’ jedha. (Mat. 26:26, NW) Yesus maxinoo sana kan caccabse ergamootasaatiin waliin ga’uuf ture. Ayyaana yaadannoo Ebla 14 kabajamurratti, maxinoo muraasa caccabsamee saaniirra kaa’ame argita.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi