LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesuus Haannaasitti, Achii Immoo Qayyaafaatti Geeffame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Eegdota mana qulqullummaa achi dhaabatan keessaa tokko Yesuusiin kabalee, “Dura buʼaa lubootaatiif akkasitti deebistaa?” isaan jedhe. Yesuus garuu dogoggora akka hin raawwanne waan beekuuf akkana jedhe: “Ani wanta dogoggora taʼe dubbadheera yoon taʼe, dogoggora ani dubbadhe natti himi; wanti ani dubbadhe sirrii yoo taʼe garuu maaliif na rukutta?” (Yohaannis 18:22, 23) Achiis Haannaas, Yesuusiin gara soddaa isaa gara Qayyaafaatti akka geessan taasise.

      Amma miseensonni Saanhediriin, jechuunis Qayyaafaa inni luba ol aanaa taʼee tajaajilaa jiru, maanguddoonni sabichaa fi barsiisonni seeraa walitti qabaman. Kan walitti qabamanis mana Qayyaafaatti dha. Halkan Faasikaatti dhaddacha akkasii taaʼuun seeraan ala taʼus, kun kaayyoo isaanii isa jalʼaa taʼe raawwachuu isaan hin dhowwine.

      Dhaddachi kun loogii irraa walaba kan taʼe miti. Yesuus, Alaazaariin erga duʼaa kaasee booda miseensonni Saanhediriin Yesuus ajjeefamuu akka qabu murteessanii turan. (Yohaannis 11:47-53) Guyyoota muraasa dura geggeessitoonni amantii Yesuusiin qabuu fi isa ajjeesuuf mariʼatanii turan. (Maatewos 26:3, 4) Dhaddachi kun dhimma Yesuus ilaaluuf taaʼuu isaa dura iyyuu, akka inni ajjeefamu murteesseera.

  • Mana Qayyaafaatti Ganame
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus bakka ashaakiltii Getesemaaneetti yommuu qabame ergamoonni waan sodaataniif isa dhiisanii baqatanii turan. Isaan keessaa namoonni lama baqachuu dhiisanii deebiʼan. Namoonni kun, Pheexirosii fi ‘barataa kan biraa tokko’ dha. Barataan kun tarii Yohaannis ergamaa taʼuu hin oolu. (Yohaannis 18:15; 19:35; 21:24) Yesuus gara Haannaasitti yommuu geeffamu isa duukaa buʼanii taʼuu dandaʼa. Haannaas, Yesuusiin gara Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaatti yommuu ergu, Pheexirosii fi Yohaannis xinnoo irraa fagaatanii isa hordofaa turan. Lubbuu isaaniitiif kan sodaatan taʼus, wanti Gooftaa isaanii irra gaʼus isaan yaaddessee taʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi