LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Amajjii
    • 1-2. Maleekaan tokko dubartoota iddoo Yesuus itti awwaalame turaniin maal jedhe? Yesuus ofii isaa hoo qajeelfama akkamii isaaniif kenne?

      YEROON isaa Niisaan 16 ganama DH.K.B. bara 33⁠tti ture. Gareen dubartootaa baayʼee gaddanii fi Waaqayyoon jaalatan tokko iddoo awwaalchaa guyyaa lama dura Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos itti awwaalame deeman. Urgooftuu fi dibata urgaaʼaa dibuuf yommuu iddoo awwaalchaa gaʼan, iddoon awwaalchaa duwwaa taʼuu isaa arganii baayʼee dinqisiifatan. Maleekaan tokko Yesuus duʼaa akka kaʼe dubartoota sanatti hime, akkasumas, “Isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa, isin achitti isa ni argitu” isaaniin jedhe.—Mat 28:1-7; Luq 23:56; 24:10.

  • ‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Amajjii
    • 4 Yesuus duuka buutonni isaa hundi akka lallaban barbaada. Ajaja kana kan kenne ergamoota isaa amanamoo taʼan 11f qofa miti. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Gaara Galiilaa keessatti argamu sana irratti barattoota akka godhaniif ajajni yommuu kennamu kan achitti argaman ergamoota qofadhaa? Maleekaan sun dubartoota sanaan “Isin [Galiilaatti] isa ni argitu” akka jedhe yaadadhu. Kanaafuu, dubartoonni amanamoo taʼanis achitti argamanii taʼuu qaba. Haa taʼu malee, kan achitti argaman isaan qofa miti. Phaawulos ergamaan Yesuus ‘al tokkotti obboloota 500 caalanitti akka mulʼate’ dubbateera. (1 Qor. 15:6) Eessatti?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi