LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 21. Nama daandii magaalaa tokko irra jiruu fi Dhugaa Baatota Yihowaa gaarii barreeffamaa bira dhaabbatanii jiran wajjin haasaʼaa jiru.

      BARUMSA 21

      Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?

      Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee rakkoowwan keenya hunda yeroo dhihootti ni balleessa. Misiraachoon kun gaarii waan taʼeef namni kam iyyuu dhagaʼuun isa barbaachisa. Yesuus duuka buutonni isaa ergaa kana namoota hundatti akka himan barbaada! (Maatewos 28:19, 20) Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Yihowaan ajaje raawwachaa kan jiran akkamitti?

      1. Maatewos 24:14 yeroo harʼaa raawwatamaa kan jiru akkamitti?

      Yesuus, “Misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jechuudhaan raajii dubbateera. (Maatewos 24:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii barbaachisaa taʼe kana irratti gammachuudhaan hirmaachaa jiru. Misiraachoo kana addunyaa maratti afaan 1,000 oliin lallabaa jirra! Hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe kun carraaqqii fi qindoomina guddaa gaafata. Hojiin kun gargaarsa Yihowaa malee hojjetamuu hin dandaʼu.

      2. Namootaaf lallabuuf carraaqqii akkamii goona?

      Bakka namoota argachuu dandeenyu kamitti iyyuu ni lallabna. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa “manaa gara manaa” deemnee ni lallabna. (Hojii Ergamootaa 5:42) Malli akka gaariitti qindaaʼe kun waggaa waggaadhaan namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif lallabuuf nu gargaareera. Namoonni yeroo hunda waan manatti hin argamneef, bakkawwan namoonni itti baayʼatan hedduuttis ni lallabna. Yeroo hunda waaʼee Yihowaa fi waaʼee kaayyoo isaa namootatti himuuf carraa barbaanna.

      3. Misiraachicha lallabuuf itti gaafatamummaa kan qaban eenyu faʼi?

      Kiristiyaanonni dhugaan hundi misiraachicha namoota kaanitti himuuf itti gaafatamummaan isaan irra jira. Itti gaafatamummaa keenya kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Lubbuu namootaa oolchuu akka dandaʼu waan beeknuuf hamma nuuf dandaʼame lallabuuf carraaqqii goona. (1 Ximotewos 4:16 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” waan jedhuuf hojii kana raawwachuuf maallaqni nuuf hin kaffalamu. (Maatewos 10:7, 8) Ergaa keenya kan fudhatu namoota hunda miti. Taʼus hojiin kun kutaa waaqeffannaa keenyaa fi Yihowaa kan gammachiisu waan taʼeef lallabuu keenya itti fufna.

      CAALAATTI BARADHU

      Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti lallabuuf carraaqqii akkamii akka godhanii fi Yihowaan nu gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu.

      A. Dhugaa Baatota Yihowaa nama gaara magariisaa Kostaa Rikaa keessatti argamu bira jiruuf lallabaa jiran lama. B. Dhugaa Baatonni Yihowaa afur buufata doonii Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu tokko biratti namoota qurxummii qabaniif yommuu lallaban. C. Dhugaa Baatota Yihowaa namicha baadiyyaa Beeniin keessa jiruuf lallabaa jiran lama. D. Dhugaa Baatuun tokko dubartii Taayilaandi keessatti bidiruu daldalaa irra jirtuuf yommuu lallabdu. E. Dhugaa Baatota Yihowaa biyya Yaappitti dhagaa guddaa tokko biratti dubartii tokkoof lallabaa jiran lama. F. Dhugaa Baatota Yihowaa Siwiidinitti dubartii daandii cabbii qabu biratti argataniif lallaban lama.

      Addunyaa maratti misiraachichi yommuu lallabamu: (A) Kostaa Rikaa, (B) Yuunaayitid Isteetis, (C) Beeniin, (D) Taayilaandi, (E) Yaap, (F) Siwiidin

      4. Namoota hundumaaf lallabuuf carraaqqii goona

      Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota bakka kam iyyuu jiraniif misiraachicha lallabuuf carraaqqii addaa godhu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: “Hanga Handaara Lafaatti” Lallabuu (7:33)

      • Carraaqqii Dhugaa Baatonni Yihowaa lallabuuf godhan ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha?

      Maatewos 22:39 fi Roomaa 10:13-15 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Tajaajilli keenya namoota akka jaallannu kan argisiisu akkamitti?

      • Yihowaan namoota misiraachicha lallabaa jiraniif ilaalcha akkamii qaba?—Lakkoofsa 15 ilaali.

      5. Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha

      Muuxannoowwan hedduun Yihowaan hojii keenya geggeessaa akka jiru mirkaneessu. Fakkeenyaaf, Niiwu Ziilaandi keessatti obboleessi Pool jedhamu gaaf tokko waaree booda manaa gara manaa utuu tajaajilaa jiruu dubartii takkaa wajjin wal arge. Guyyuma sana ganama dubartiin sun maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadamtee namni tokko dhufee akka ishii haasofsiisu kadhattee turte. Pool, “Anis mana ishii kanan dhaqe erga ishiin kadhattee saʼaatii sadii booda ture” jedheera.

      Qorontos Tokkoffaa 3:9 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Muuxannoowwan akkasii Yihowaan hojii lallabaa geggeessaa akka jiru kan argisiisan akkamitti?

      Hojii Ergamootaa 1:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Tajaajila keenya raawwachuuf gargaarsi Yihowaa kan nu barbaachisu maaliifi?

      Kana beektaa?

      Torban torbaniin walgaʼii torban gidduutti goonu irratti, leenjii lallabuuf nu gargaaru arganna. Walgaʼiiwwan kanneen keessaa isa tokko irratti argamtee beekta yoo taʼe, leenjii kennamu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

      Dhugaa Baatonni Yihowaa lama walgaʼii gumii irratti misiraachicha akkamitti akka lallabnu yommuu argisiisan.

      6. Ajaja Waaqayyo akka lallabnuuf nuu kenne ni raawwanna

      Jaarraa jalqabaatti mormitoonni duuka buutonni Yesuus akka hin lallabne dhowwuuf yaalanii turan. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ‘misiraachichi seera duratti fudhatama akka argatu gochuudhaan’ mirga lallabuuf qabaniif falmaniiru. (Filiphisiyus 1:7) Yeroo harʼaas Dhugaa Baatonni Yihowaa akkasuma godhu.a

      VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Misiraachichi Seera Duratti Fudhatama Akka Argatu Falmuu (2:28)

      Hojii Ergamootaa 5:27-42 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Lallabuu keenya kan hin dhaabne maaliifi?—Lakkoofsa 29, 38 fi 39 ilaali.

      NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa kan deeman maaliifi?”

      • Maal jettee deebista?

      MAAL BARATTE?

      Yesuus duuka buutonni isaa misiraachicha saboota hundumaatiif akka lallaban ajajeera. Yihowaan sabni isaa hojii kana akka raawwatan isaan gargaaraa jira.

      Irra Deebii

      • Misiraachichi addunyaa maratti lallabamaa kan jiru akkamitti?

      • Tajaajilli keenya namootaaf jaalala akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

      • Lallabuun hojii nama gammachiisu akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Maaliif?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Dhugaa Baatonni Yihowaa magaalota guguddaa keessatti namootaaf kan lallaban akkamitti akka taʼe ilaali.

      Lallaba Addabaabayii Addaa Magaalaa Paarisitti Geggeeffame (5:11)

      Dhugaa Baatonni Yihowaa baqattootaaf kan lallaban akkamitti?

      Baqattoota Karaa Hafuuraa Dheebotan Gargaaruu (5:59)

      Obboleettiin takka tajaajilli yeroo guutuu gammachiisaa taʼuu isaa kan ibsite akkamitti akka taʼe ilaali.

      Hojii Kana Filachuun Koo Na Gammachiisa (6:29)

      Waaʼee injifannoowwan dinqisiisoo mana murtiitti argannee fi hojiin misiraachicha lallabuu akka babalʼatu godhanii dubbisi.

      “Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan” (Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, boqonnaa 13)

      a Akka lallabnu kan nu ajaje Waaqayyo dha. Kanaafuu Dhugaa Baatonni Yihowaa misiraachicha lallabuuf abbootii taayitaa irraa heyyama argachuun isaan hin barbaachisu.

  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 23. Dubartiin takka guutummaatti bishaan keessa lixxee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taateetti.

      BARUMSA 23

      Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!

      Yesuus cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanni tokko guutuu qabu akka taʼe barsiiseera. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Garuu cuuphaan maali dha? Namni tokko galma kana irra gaʼuuf hoo maal gochuu qaba?

      1. Cuuphaan akkamitti raawwatamuu qaba?

      Jechi “cuuphuu” jedhu jecha Afaan Giriikii hiikni isaa bishaan keessa “gadi liccisiisuu” jedhu irraa kan dhufe dha. Yesuus yommuu cuuphametti laga Yordaanos keessa erga lixee booda ‘bishaanicha keessaa ol baʼe.’ (Maarqos 1:9, 10) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni dhugaan guutummaatti bishaan keessa gadi lixuudhaan cuuphamu.

      2. Cuuphamuun maal argisiisa?

      Namni tokko cuuphamuun isaa Yihowaadhaaf akka of murteesse argisiisa. Maarree namni tokko kan of murteessu akkamitti? Cuuphamuu isaa dura, bara baraaf Yihowaa tajaajiluu akka barbaadu dhuunfaatti kadhannaadhaan isatti himuudhaani. Yihowaa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya isaa keessatti wanti baayʼee barbaachisaa taʼe fedha Waaqayyoo raawwachuu akka taʼe waadaa gala. Barumsaa fi fakkeenya Yesuus hordofuuf, ‘of ganuu fi yeroo hunda isa duukaa buʼuuf’ murteessa. (Maatewos 16:24) Of murteessuu fi cuuphamuun isaa Yihowaa fi namoota Yihowaa waaqeffatanii wajjin michummaa cimaa uumuuf isa gargaara.

      3. Namni tokko cuuphamuu isaa dura maal gochuu qaba?

      Cuuphamuu kee dura waaʼee Yihowaa barachuu fi amantii isa irratti qabdu guddifachuun kee baayʼee barbaachisaa dha. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Beekumsii fi amantiin Yihowaa irratti qabdu yommuu guddachaa deemu jaalalli isaaf qabdus guddachaa deema. Kun immoo waaʼee isaa lallabuu fi ulaagaalee isaa wajjin wal simtee jiraachuuf si kakaasa. (2 Ximotewos 4:2; 1 Yohaannis 5:3) Namni tokko “guutummaatti isa gammachiisuuf akka Yihowaadhaaf taʼutti” jiraachaa jira yoo taʼe, jireenya isaa Waaqayyoof murteessuu fi cuuphamuu dandaʼa.—Qolosaayis 1:9, 10.a

      CAALAATTI BARADHU

      Cuuphaa Yesuus irraa maal akka barannuu fi namni tokko tarkaanfii barbaachisaa taʼe kanaaf qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradhu.

      4. Cuuphaa Yesuus irraa barumsa argannu qabna

      Cuuphaa Yesuus ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Maatewos 3:13-17 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yesuus yeroo cuuphametti mucaa xinnoo turee?

      • Yesuus kan cuuphame akkamitti? Bishaan itti facaafamuudhaan cuuphamee?

      Yesuus hojii addaa Waaqayyo lafa irratti isaaf kenne hojjechuu kan jalqabe erga cuuphamee booda dha. Luqaas 3:21-23 fi Yohaannis 6:38 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Yesuus erga cuuphamee booda hojii isa kamiif dursa kenne?

      5. Cuuphaan galma bira gaʼuu dandeessu dha

      Of murteessuu fi cuuphamuuf yaaduun jalqaba irratti ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, waaʼee Yihowaa barachuu kee yoo itti fuftee fi isa beekaa yoo deemte, murtoo barbaachisaa taʼe kana gochuuf caalaatti amanannaa qabaachuu dandeessa. Namoota murtoo akkasii irra gaʼan tokko tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Yihowaa Wajjin Michummaa Uumuu (1:11)

      Yohaannis 17:3 fi Yaaqoob 1:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Wanti namni tokko cuuphamuuf qophaaʼaa akka taʼu isa gargaaru maali dha?

      A. Dubartiin takka kadhannaa dhiheessuudhaan Yihowaadhaaf of murteessaa jirti. B. Dubartiidhumti sun guutummaatti bishaan keessa lixxee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taateetti.
      1. Bara baraaf Yihowaa tajaajiluu akka barbaannu isatti himuudhaan isaaf of murteessina

      2. Yommuu cuuphamnu Waaqayyoof akka of murteessine namootatti argisiisna

      6. Miseensa maatii Yihowaa taʼuuf cuuphamuun barbaachisaa dha

      Yeroo cuuphamnutti miseensa maatii addunyaa maratti tokkummaa qabu tokkoo taana. Bakkaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa keessaa kan dhufne taanus, wanti itti amannuu fi ulaagaaleen naamusaa hordofnu tokko dha. Faarfannaa 25:14 fi 1 Pheexiros 2:17 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Akka caqasoota kanaatti, namni tokko cuuphamuun isaa kan isa fayyadu akkamitti?

      Fakkiiwwan: Obboleettiin cuuphamte takka gammachuudhaan hariiroo gaarii namoota gumii keessa jiranii wajjin qabdu irratti yaadaa jirti. 1. Wanta ishiitti dhagaʼamu obboleettii tokkotti himachaa jirti. 2. Obboleettiin maanguddoo taʼan akka deeman gargaaraa jirti. 3. Michoota ishii umurii gara garaa irra jiranii wajjin nyaata nyaachaa jirti. 4. Obboleettii takkaa wajjin namicha tokkoof lallabaa jiru. 5. Walgaʼii Naannoo tokko irratti obboleettota sanyii gara garaa qaban lamaa wajjin suuraa kaʼaa jirti.

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ani cuuphamuuf qophaaʼaa miti.”

      • Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, cuuphamuun kee faayidaa hedduu kan siif argamsiisu sitti fakkaataa?

      MAAL BARATTE?

      Yesuus Kiristiyaanonni cuuphamuun isaanii barbaachisaa akka taʼe barsiiseera. Namni tokko galma kana irra gaʼuuf amantii Yihowaa irratti qabu cimsachuu, ulaagaalee isaa wajjin wal simee jiraachuu fi isaaf of murteessuu qaba.

      Irra Deebii

      • Cuuphaan akkamitti raawwatamuu qaba? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

      • Namni tokko cuuphamuun isaa maal argisiisa?

      • Namni tokko of murteessee cuuphamuu isaa dura maal gochuutu isa barbaachisa?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Cuuphaan maal jechuu akka taʼee fi maal jechuu akka hin taane baradhu.

      “Cuuphaan Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

      Namni tokko jijjiirama godhee cuuphamuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe dubbisi.

      “Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Cuuphamuuf Isin Kakaasa” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 2020)

      Namni tokko cuuphamuuf murteessuu kan qabu miiraan kakaʼee qofa akka hin taane hubadhu.

      “Dhugaa Isaa Ofuma Kootii Akkan Mirkaneeffadhu Barbaadu Turan” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

      Cuuphamuun kee faayidaa hedduu kan siif argamsiisu maaliif akka taʼee fi cuuphamuuf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

      “Cuuphamuun Qabaa?” (Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname Jildii 2, boqonnaa 37)

      a Namni tokko dhaabbata amantaa kan biraa keessatti kan cuuphame yoo taʼe illee, irra deebiʼee cuuphamuun isa barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaa amantaan sun dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru waan hin barsiisneefi.—Hojii Ergamootaa 19:1-5 fi Barumsa 13 ilaali.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi