-
Lallaba Gaara Irraa Isa BeekamaaYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus akkana jedhe: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Warri gaddan gammadoo dha; isaan jajjabina ni argatu. . . . Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan gammadoo dha; isaan ni quufu. . . . Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, [akkasumas] isin ariʼatan . . . gammadaa, ililchaas.”—Maatewos 5:3-12.
-
-
Lallaba Gaara Irraa Isa BeekamaaYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus namoonni wantoonni hafuuraa akka isaan barbaachisan hubatan, warri cubbamoo taʼuu isaaniitti gaddanii fi warri Waaqayyoon beekanii isa tajaajilan gammachuu dhugaa akka qaban dubbate. Fedha Waaqayyoo raawwachuu isaaniitti yoo jibbamanii fi yoo ariʼataman iyyuu, Waaqayyoon gammachiisaa akka jiranii fi innis jireenya bara baraa isaanii kennuudhaan akka isaan badhaasu waan beekaniif ni gammadu.
-