LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • 11 Obboleessa ykn obboleettii kee tokko akka mufachiifte yoo hubatte maal gochuu qabda? Yesuus akkas jedheera: “Kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee, utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.” (Maatewos 5:23, 24) Dursa fudhattee gara obboleessa kee dhaquudhaan gorsa kana hojii irra oolchuu dandeessa. Yommuu kana gootu kaayyoon kee maal taʼuu qaba? Isatti ‘araaramuu’ taʼuu qaba.b Kana galmaan gaʼuuf, akkas isatti dhagaʼamuu akka hin qabne itti himuu mannaa, miira isaa akka miite amanuu qabda. Isatti araaramuuf yaaduudhaan yoo itti dhihaatte, wal dhabdeen uumame furamuu dandaʼa; akkasumas dhiifama wal gaafachuu fi dhiifama walii gochuu dandeessu. Dursa fudhattee araara buusuuf carraaquudhaan, ogummaa Waaqayyootiin akka geggeeffamtu argisiista.

  • ‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • b Jechi afaan Giriikii “araarami” jedhamee hiikame, “diinummaa irraa gara michummaatti jijjiiramuu; rakkoo furuu; hariiroo duraan ture deebisuu” jedhamee ibsameera. Kanaaf kaayyoon kee haala isaa jijjiiruu, dandaʼamnaan immoo madaa garaa nama mufate sana keessa jiru fayyisuu taʼuu qaba.—Roomaa 12:18.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi