LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Namoonni Urjii Lakkaaʼan Yesuusiin Ilaaluu Dhufan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Namoonni muraasni Baha Biiftuutii dhufan. Namoonni kun urjii lakkaaʼu; namoonni urjii lakkaaʼan iddoo urjiilee qorachuudhaan taʼeewwan jireenya namootaa keessatti hiika akkamii akka qaban dubbachuu ni dandeenya jedhu. (Isaayaas 47:13) Biyya isaanii gara Baha Biiftuutti argamu utuu jiranii urjii tokko kan argan siʼa taʼu, urjii kana hordofaa kiiloo meetira dhibbaan lakkaaʼamu deeman. Urjiin kun gara Beetaliheem utuu hin taʼin gara Yerusaalemitti isaan geesse.

      Namoonni urjii lakkaaʼan kun yeroo achi gaʼan, “Mootiin Yihudootaa inni dhalate eessa jira? Nuti yommuu Baha Biiftuu turre urjii isaa arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhan.—Maatewos 2:1, 2.

  • Namoonni Urjii Lakkaaʼan Yesuusiin Ilaaluu Dhufan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Urjii namoota kana geggeesse kan qopheesse eenyu sitti fakkaata? Urjiin kun kallattiidhaan Beetaliheem bakka Yesuus jiru akka isaan hin geessine yaadadhu. Kanaa mannaa Yerusaalem, bakka Heroodis inni Yesuusiin ajjeesuu barbaadu jirutti isaan geesse. Dhuguma immoo utuu Waaqayyo gidduu seenee warri urjii lakkaaʼan bakka Yesuus jiru isatti akka hin himne hin goone taʼee, Heroodis Yesuusiin ni ajjeesa ture. Yesuus akka ajjeefamu kan barbaade Seexana isa diina Waaqayyoo taʼe akka taʼe beekamaa dha; kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuufis mala kanatti fayyadameera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi