-
“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
“Namoonni ogeeyyiin” kun meeqa turan?
Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa kan hin ibsine taʼus, waaʼee lakkoofsa namoota kanaa yaada gara garaatu kennama. Kitaabni Encyclopedia Britannica jedhamu akka jedhutti, “Aadaan gara Bahaa lakkoofsi namoota kanaa 12 akka taʼe kan ibsu siʼa taʼu, aadaan gara Dhihaa immoo lakkoofsi isaanii sadii akka taʼe ibsa; tarii lakkoofsi kun kennaawwan sadan jechuunis, ‘warqii, ixaana adii fi qumbii’ (Maatewos 2:11) daaʼima sanaaf kenname sana irratti hundaaʼee taʼuu dandaʼa.”
-
-
“Namoonni Ogeeyyiin Sadan” Eenyufaa Turan? Namoonni Kun “Urjii” Beetaliheem Hordofaniiruu?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
Namoonni urjii lakkaaʼan Yesuusiin gaafachuu kan dhaqan halkan inni itti dhalate sanatti hin turre. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu gara manaatti seenanis mucicha, haadha isaa Maariyaamii wajjin argan” jedha. (Maatewos 2:11) Kun maatichi yeroo kanatti mana keessa jiraachaa akka turee fi Yesuus daaʼima siree horiin irraa nyaatu irra ciisaa akka hin turre argisiisa.—Luqaas 2:16.
-