-
Kadhannaadhaan Waaqayyotti DhihaadhuBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
1. Gara eenyuutti kadhannaa dhiheessuu qabna? Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya?
Yesuus gara Abbaa keenya isa samii qofatti kadhannaa dhiheessuu akka qabnu barsiiseera. Innumti iyyuu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. Akkana jedheera: “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu . . . ’” (Maatewos 6:9) Yommuu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu, michummaa isaa wajjin qabnu ni cimsanna.
Waaʼee wanta hundumaa jechuun ni dandaʼamaa, kadhachuu ni dandeenya. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka kennuuf garuu, fedhii isaa wajjin haala wal simuun kadhachuu qabna. “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii [Waaqayyootti] yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.” (1 Yohaannis 5:14) Yesuus wantoota sirrii kadhachuu qabnu ilaalchisee fakkeenya kenneera. (Maatewos 6:9-13 dubbisi.) Waaʼee wantoota dhuunfaatti nu yaaddessanii kadhachuu malees, wanta Waaqayyo nuu godheef isa galateeffachuu fi warra kaan akka gargaaru isa kadhachuu keenya dagachuu hin qabnu.
-
-
Hammeenyii fi Rakkinni kan Jiraate Maaliifi?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
Kana beektaa?
Seexanni soba isa jalqabaa yeroo dubbatetti maqaa Yihowaa balleesseera. Karaa biraatiin, Yihowaan Bulchaa haqa qabeessa hin taanee fi jaalala hin qabne akka taʼe dubbachuudhaan maqaa isaa balleesseera. Yihowaan dhiheenyatti rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼan balleessuudhaan maqaa isaa ni qulqulleessa. Karaa biraatiin, bulchiinsi isaa hunda irra kan caalu taʼuu isaa mirkaneessa. Uumama cufa keessatti wanti baayʼee barbaachisaa taʼe qulqulleeffamuu maqaa Yihowaa ti.—Maatewos 6:9, 10.
-
-
Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 33
Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
Mootummaan Waaqayyoo samii irratti bulchaa jira. Dhiheenyattis lafa irratti bulchuu jalqaba, haala addunyaa irra jirus ni fooyyessa. Mee amma wantoota Mootummichi raawwatu tokko tokko haa ilaallu.
1. Mootummaan Waaqayyoo lafa irratti nagaa fi haqa kan fidu akkamitti?
Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe, namoota hamoo fi bulchiinsa ilmaan namootaa waraana Armaagedoon irratti ni balleessa. (Mulʼata 16:14, 16) Yeroo sanatti abdiin Kitaaba Qulqulluu, “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan” jedhu guutummaatti raawwatama. (Faarfannaa 37:10) Yesuus Mootummichatti fayyadamee nagaa fi haqni guutummaa lafaa irra akka jiraatu godha.—Isaayyaas 11:4 dubbisi.
2. Fedhiin Waaqayyoo lafa irratti yommuu raawwatamu jireenyi maal fakkaata?
Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, “qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.” (Faarfannaa 37:29) Addunyaa namoota qajeeloo taʼaniin, akkasumas Yihowaa fi walii isaanii jaallataniin guutame keessa jiraachuun maal akka fakkaatu mee yaadi! Namni tokko illee hin dhukkubsatu, namni hundis bara baraaf jiraata.
3. Mootummaan Waaqayyoo namoonni hamoon erga balleeffamanii booda maal raawwata?
Namoonni hamoon erga balleeffamanii booda Yesuus waggaa 1,000f Mootii taʼee bulcha. Yeroo sanatti innii fi namoonni isa wajjin bulchan 144,000, namoonni lafa irra jiraatan mudaa kan hin qabne akka taʼanii fi cubbuu irraa walaba akka taʼan gargaaru. Yeroon sun yommuu xumuramu lafti gara jannata bareedduutti jijjiiramti; namoonni hundis seera Yihowaatiif waan ajajamaniif gammadoo taʼu. Achiis Yesuus Mootummicha Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeef dabarsee kenna. Karaa kanaan dura matumaa taʼee hin beekneen, ‘maqaan Yihowaa ni qulqullaaʼa.’ (Maatewos 6:9, 10) Kunis Yihowaan Bulchaa gaarii warra isa jalatti bulaniif yaadu taʼuu isaa mirkaneessa. Sana booda Yihowaan Seexana, jinniiwwanii fi warra bulchiinsa isaa irratti finciluu filatan hunda ni balleessa. (Mulʼata 20:7-10) Achiis eebbi Mootummaan Waaqayyoo fidu bara baraaf itti fufa.
CAALAATTI BARADHU
Waaqayyo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu hunda raawwachuuf Mootummichatti akka fayyadamu kan amannu maaliif akka taʼe ilaali.
4. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa namootaa ni balleessa
“Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.” (Lallaba 8:9) Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee jalʼina haqaa kana ni sirreessa.
Daaniʼel 2:44 fi 2 Tasalonqee 1:6-8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaanii fi Ilmi isaa Yesuus bulchiinsa ilmaan namootaa fi warra isaan deeggaran irratti tarkaanfii akkamii fudhatu?
Wanti waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus baratte gochi isaanii haqaa fi sirrii akka taʼe kan siif mirkaneesse akkamitti?
5. Yesuus Mootii hunda irra caalu dha
Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef wanta namoota lafa irra jiraatan fayyadu hedduu ni raawwata. Yesuus namoota gargaaruuf fedhii akka qabuu fi Waaqayyo humna akka isaaf kenne kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yesuus lafa irra yeroo turetti wanta Mootummichi raawwatu hamma tokko argisiiseera. Eebbawwan as irratti tarreeffaman keessaa caalaatti isa kam arguuf hawwita? Caqasoota waaʼee eebbawwan kanaa ibsan dubbisaa.
YESUUS LAFA IRRA YEROO TURETTI . . .
YESUUS SAMII IRRA TAʼEE . . .
humnoota uumamaa lafa irraa toʼateera.—Maarqos 4:36-41.
miidhaa lafa irra gaʼe hunda ni sirreessa.—Isaayyaas 35:1, 2.
dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman sooreera.—Maatewos 14:17-21.
beela addunyaa irra jiru ni balleessa.—Faarfannaa 72:16.
namoota dhukkubsatan hedduu fayyiseera.—Luqaas 18:35-43.
namoonni hundi fayyaa guutuu akka qabaatan godha.—Isaayyaas 33:24.
namoota duʼan duʼaa kaaseera.—Luqaas 8:49-55.
namoota duʼan duʼaa kaasa, duʼas ni balleessa.—Mulʼata 21:3, 4.
6. Mootummaan Waaqayyoo yeroo gaariin akka dhufu godha
Mootummichi kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu inni jalqabaa guutummaatti akka raawwatamu godha. Namoonni lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraatu. Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf Ilma isaa Yesuusitti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.
Faarfannaa 145:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Hundi keenya walii gallee yoo hojjenne, rakkoowwan addunyaa furuu ni dandeenya.”
Rakkoowwan bulchiinsi ilmaan namootaa furuu hin dandeenyee fi Mootummaan Waaqayyoo furu kam faʼi?
MAAL BARATTE?
Mootummaan Waaqayyoo kaayyoo isaa galmaan ni gaʼa. Lafa kana gara jannata namoota gaggaarii bara baraaf Yihowaa waaqeffataniin guutametti jijjiira.
Irra Deebii
Mootummaan Waaqayyoo maqaa Yihowaa kan qulqulleessu akkamitti?
Mootummaan Waaqayyoo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu ni raawwata jennee kan amannu maaliifi?
Wantoota Mootummichi raawwatu keessaa caalaatti isa kam arguuf hawwita?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Armaagedoon maal akka taʼe baradhu.
“Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Wantoota yeroo Yesuus ‘rakkina guddaa’ jedhee ibsetti raawwataman dubbisi.—Maatewos 24:21.
Rakkinni Guddaan Maali Dha? (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Maatiin tokko eebbawwan Mootummichi gara fuulduraatti fidu irratti yommuu xiinxalan ilaali.
Mata duree “Gaaffiiwwan Na Jeeqan Hedduun Qaba Ture” jedhu keessatti namni qabsaaʼaa siyaasaa taʼe tokko furmaata barbaadaa ture akkamitti akka argate baradhu.
“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
-