LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Jireenya Keessatti Milkaaʼina Dhugaa Argachuu
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Muddee 15
    • 13. Yesus badhaadhummaa walitti qabachuu ilaalchisee gorsa akkamii kenne?

      13 Yesus badhaadhummaa ilaalchisee akkas jedheera: “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi daanaʼoon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa! Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti iddoo biliin yookiis daanaʼoon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa! Garaan kee lafa badhaadhummaan kee jirutti hidhama.”—Mat. 6:19-21.

  • Jireenya Keessatti Milkaaʼina Dhugaa Argachuu
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Muddee 15
    • 15. Milkaaʼina akkamii argachuuf carraaquu qabna?

      15 Geggeessitoonni amantii tokko tokko, carraaqqiin gama kamiiniyyuu milkaaʼina argachuuf godhamu dogoggora akka taʼe lallabaniiru. Yesus garuu, carraaqqii milkaaʼina argachuuf godhamu hunda hin balaaleffanne. Kanaa mannaa, bartoonnisaa ‘badhaadhummaa waaqarratti akka walitti qabatan’ gorsuudhaan iddoo itti walitti qabatan akka jijjiiran isaan jajjabeesseera. Fedhiin keenya inni guddaan karaa Yihowaa duratti fudhatama qabuun milkaaʼina argachuuf carraaquu taʼuu qaba. Eeyyee, wanti Yesus dubbate wanta hordofnu ilaalchisee filannaa akka qabnu nu yaadachiisa. Haataʼu malee, yeroo baayʼee wanti hordofnu wanta garaa keenya keessa jiruufi wanta iddoo guddaa kenninuuf akka taʼe beekamaadha.

      16. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

      16 Yihowaa gammachiisuuf fedhii kan qabnu yoo taʼe, wanta nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuu dandeenya. Akkuma Phaawulosiin mudate yeroo gabaabaadhaaf akka beelofnu ykn akka dheebonnu heyyamuu dandaʼa. (1 Qor. 4:11) Taʼus, gorsa Yesus akkas jechuudhaan kennetti amanamuuf sababii gaʼaa qabna: “‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa! Warri saba Waaqayyoo hin taʼin yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiruʼo; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka taʼan garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka. Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”​—Mat. 6:31-33.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi