-
Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa—2014 | Muddee 15
-
-
Ermiyaas 31:15 akkas jedha: “Waaqayyo itti fufee, ‘Sagaleen Raamaatti dhagaʼame, sagalee booʼichaa fi wawwaannaa guddaa ture; Raahel ijoollee isheetiif in boosse; ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus in didde.’”
-
-
Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa—2014 | Muddee 15
-
-
Kanas taʼe sana, yaanni Ermiyaas Raahel ijoolleesheetiif akka boosse dubbate, jaarraawwan hedduu booda ennaa lubbuun Yesus balaadhaaf saaxilametti wanta raawwatame raajii argisiisu ture. Herodis Mootichi, ijoolleen dhiiraa Beeteliheem ishee Yerusaalemirraa gara kibbaatti argamtu keessa jiraniifi umriinsaanii waggaa lamaa gad taʼe hundi akka ajjeefaman ajajee ture. Ijoolleen sun waan duʼaniif, sana booda hin jiran. Gadda haadhotii ijoolleensaanii jalaa duʼanitti dhagaʼame mee yaadi! Haallisaa, akkuma waan sagaleen booʼichasaanii hamma Raamaa ishee Yerusaalemirraa gara kaabaatti argamtutti dhagaʼameeti.—Mat. 2:16-18.
Kanaafuu, bara Ermiyaasittis taʼe bara Yesusitti, Raahel ijoolleesheetiif akka boosse ibsamuunsaa, haadhotii Yihudoota taʼaniifi ijoolleensaanii jalaa ajjeefamanitti gadda dhagaʼame akka gaaritti kan ibsudha. Warri duʼan, jechuunis warri gara “biyya diinaa” deeman kun yeroo duʼaa kaʼanitti, diina kana harkaa akka baʼan beekamaadha.—Er. 31:16; 1 Qor. 15:26.
-