LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesuus “Ogummaa Waaqayyo Biraa . . . Dhufe” Mulʼiseera
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • 6-8. (a) Yesuus gorsa gaarii yaaddoo irraa akka fagaannu nu gargaaru akkamii kenne? (b) Gorsi Yesuus ogummaa ol gubbaadhaa dhufe akka qabate wanti argisiisu maali dha?

      6 Fakkeenyaaf, wantoota jireenyaaf barbaachisaniif yaaddaʼuu ilaalchisee gorsa Yesuus Maatewos boqonnaa 6 irratti kenne ilaali. “Waaʼee jireenya keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa” jedheera. (Lakkoofsa 25) Nyaannii fi uffanni wantoota buʼuuraa nu barbaachisan waan taʼaniif, wantoota kana argachuuf yaaddaʼuun waanuma jirudha. Taʼus, Yesuus waaʼee wantoota kanaa “yaaddaʼuu keessan dhiisaa” nuun jedheera.b Maaliifi?

      7 Yesuus kana ilaalchisee sababii amansiisaa akkamii akka dhiheesse ilaali. Yihowaan jireenyaa fi dhagna erga nuu kennee, nyaata jireenya keenya tursuu fi wanta dhagna keenyatti uffannu nuu kennuu hin dandaʼuu? (Lakkoofsa 25) Waaqayyo simbirrootaaf nyaata kan kennuu fi abaaboowwan bareechee kan itti uwwisu erga taʼee, namoota isa waaqeffatan caalaatti hin kunuunsuu ree? (Lakkoofsa 26, 28-30) Yaaddaʼuun faayidaa tokko illee hin qabu. Xinnuma illee jireenya keenya nuu dheeressuu hin dandaʼu.c (Lakkoofsa 27) Maarree yaaddaʼuu dhiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus, waaqeffannaa Waaqayyoof dhiheessinuuf dursa kennuudhaan akka taʼe nu gorseera. Namoonni akkas godhan, Abbaan isaanii inni samii wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu akka isaaniif ‘dabalu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. (Lakkoofsa 33) Dhuma irrattis Yesuus, waaʼee guyyaa harʼaa qofa akka yaannu nutti himuudhaan gorsa gaarii nuu kenneera. Yaaddoo guyyaa borii, maaliif isa guyyaa harʼaatti daballa? (Lakkoofsa 34) Kana malees, wantoota matumaa raawwatamuu hin dandeenyeef maaliif dhiphanna? Gorsa ogummaa irratti hundaaʼe akkasii hojii irra oolchuun keenya, gadda hedduu addunyaa isa dhiphinaan guutame keessatti nu mudatu irraa walaba nu gochuu dandaʼa.

  • Yesuus “Ogummaa Waaqayyo Biraa . . . Dhufe” Mulʼiseera
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • b Gochimni afaan Giriikii “yaaddaʼuu” jedhamee hiikame, “yaada hihhirame qabaachuu” jechuu dha. Akka Maatewos 6:25 irratti ibsametti, jechi kun sodaa sammuu keenya jeequu fi yaada keenya hihhiruudhaan gammachuu nu dhabsiisu argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi