-
Yesuus Ni CuuphameYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yeroo Yesuus cuuphametti garuu wanta kana caalutu taʼe. Samiiwwan isaaf banaman. Kun maal jechuu dha? Yeroo cuuphametti, jireenya inni gara lafaa dhufuu isaa dura samii irratti dabarse yaadachuu isaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Kanaaf, yeroo kanatti Yesuus dhugaawwan Yihowaan gara lafaa dhufuu isaa dura samii irratti isa barsiisee fi jireenya isaa isa ilma Yihowaa isa hafuuraa taʼee dabarse yaadate.
-
-
Akkaataa Yesuus Qorumsa Itti Moʼe Irraa BaradhuYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus Yohaannisiin cuuphamee utuu baayʼee hin turin, hafuurri qulqulluun gara lafa onaa Yihudaatti isa geesse. Wantoota hedduu irratti xiinxaluu qaba ture. Yeroo Yesuus cuuphametti, ‘samiiwwan banamanii’ turan. (Maatewos 3:16) Kanaaf, wantoota yeroo samii irra turetti baratee fi raawwate yaadachuu ni dandaʼa. Dhuguma iyyuu, wantoota irratti xiinxalu hedduu qaba!
-