-
Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf QophaaʼanYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus ergamoonni isaa lama lama taʼanii yeroo deeman akkamitti lallabuu akka qaban qajeelfama isaaniif kenne. Taʼus, qajeelfama qofa isaaniif kennee hin dhiisne. Namoota isaan morman ilaalchisee akkana jechuudhaan isaan akeekkachiise: “Kunoo, ani akka hoolota yeeyyii gidduu jiraniitti isin nan erga . . . Namoonni mana murtiitti dabarsanii isin kennu; manneen sagadaa isaanii keessattis isin reebu; kanaaf isaan irraa of eeggadhaa. Anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu.”—Maatewos 10:16-18.
-
-
Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf QophaaʼanYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Dhuguma iyyuu Yesuus ergamoota isaa 12 niif qajeelfama, akeekkachiisaa fi jajjabina gaarii kenne! Haa taʼu malee, wanti Yesuus dubbate kun duuka buutota isaa erga inni duʼee fi duʼaa kaʼee booda hojii lallabaa irratti hirmaataniifis akka hojjetu hubachuu ni dandeessa. Kana immoo yaada Yesuus barattoonni isaa namoota ergamoonni isaa lallabaniif biratti qofa utuu hin taʼin, ‘nama hundumaa biratti akka jibbaman’ dubbate irraa hubachuu ni dandeenya. Kana malees, yaadni ergamoonni Yesuus duula lallabaa Galiilaa keessatti yeroo muraasaaf taasisan kana irratti mootota duratti akka dhihaatan ykn miseensota maatii isaaniitiin duʼaaf dabarfamanii akka kennaman dubbatu hin jiru.
Kanaaf, Yesuus wantoota kana ergamoota isaatti kan dubbate yeroo gara fuulduraa yaadatti qabatee ti. Mee yaada inni duuka buutonni isaa “hanga Ilmi namaa dhufutti” magaalotaa fi gandeen keessatti lallaban akka waliin hin geenye dubbate ilaali. Yeroo akkas jedhu, Yesuus Kiristoos Mootichi inni ulfinni kennameef, abbaa murtii Waaqayyoon muudame taʼee dhufuu isaa dura duuka buutonni isaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabanii akka hin xumurre dubbachuu isaa ti.
-