LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf Qophaaʼan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Eeyyee, ariʼatamni cimaan duuka buutota isaa mudachuu dandaʼa; taʼus Yesuus akkana jechuudhaan waadaa isaan jajjabeessu isaaniif gale: “Yeroo dabarsanii isin kennan akkamitti yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa. Kan dubbatu isin qofa miti; hafuura Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee.” Itti dabalees akkana jedhe: “Obboleessi obboleessa isaa, abbaan mucaa isaa duʼaaf dabarsee kenna; ijoolleenis warra isaanii irratti kaʼanii isaan ajjeesisu. Maqaa kootiif jettanii nama hundumaa biratti kan jibbamtan taatu; garuu namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya.”—Maatewos 10:19-22.

  • Ariʼatamni Jiraatus Lallabuuf Qophaaʼan
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Dhuguma iyyuu Yesuus ergamoota isaa 12 niif qajeelfama, akeekkachiisaa fi jajjabina gaarii kenne! Haa taʼu malee, wanti Yesuus dubbate kun duuka buutota isaa erga inni duʼee fi duʼaa kaʼee booda hojii lallabaa irratti hirmaataniifis akka hojjetu hubachuu ni dandeessa. Kana immoo yaada Yesuus barattoonni isaa namoota ergamoonni isaa lallabaniif biratti qofa utuu hin taʼin, ‘nama hundumaa biratti akka jibbaman’ dubbate irraa hubachuu ni dandeenya. Kana malees, yaadni ergamoonni Yesuus duula lallabaa Galiilaa keessatti yeroo muraasaaf taasisan kana irratti mootota duratti akka dhihaatan ykn miseensota maatii isaaniitiin duʼaaf dabarfamanii akka kennaman dubbatu hin jiru.

      Kanaaf, Yesuus wantoota kana ergamoota isaatti kan dubbate yeroo gara fuulduraa yaadatti qabatee ti. Mee yaada inni duuka buutonni isaa “hanga Ilmi namaa dhufutti” magaalotaa fi gandeen keessatti lallaban akka waliin hin geenye dubbate ilaali. Yeroo akkas jedhu, Yesuus Kiristoos Mootichi inni ulfinni kennameef, abbaa murtii Waaqayyoon muudame taʼee dhufuu isaa dura duuka buutonni isaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabanii akka hin xumurre dubbachuu isaa ti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi