LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesuusitti ni Gufattaa?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2021 | Caamsaa
    • 3 Yesuus namoonni hedduun akka Masiihiitti akka isa hin simanne beeka ture. (Yoh. 5:39-44) Barattoota Yohaannis cuuphaatiin, “Namni anatti hin gufanne gammadaa dha” jedheera. (Mat. 11:2, 3, 6) Namoonni hedduun Yesuusitti amanuu kan didan maaliifi?

  • Yesuusitti ni Gufattaa?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2021 | Caamsaa
    • (1) BAKKA GUDDINAA YESUUS

      Filiphoos Yesuus isa naannoo sana taaʼee jiru bira akka dhaqu Naatnaaʼeliin yommuu jajjabeessu.

      Namoonni hedduun bakka guddinaa Yesuusiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 5 ilaali)b

      5. Namoonni tokko tokko Yesuus Masiihii raajiidhaan dubbatame taʼuu hin dandaʼu jedhanii kan yaadan maaliif taʼuu dandaʼa?

      5 Namoonni hedduun kan gufatan bakka Yesuus itti guddateen kan kaʼe ture. Barsiisaa dinqisiisaa akka taʼee fi dinqiiwwan akka raawwatu amananiiru. Taʼus, isaaniif Yesuus ilma anaaxii hiyyeessa taʼe tokkoo qofadha. Inni magaalaa Naazireet ishii iddoo guddaa akka hin qabnetti ilaalamtu irraa dhufe. Naatnaaʼel inni barataa Yesuus taʼe illee, jalqaba irratti, “Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?” jedhee ture. (Yoh. 1:46) Naatnaaʼel magaalaa Yesuus keessa jiraachaa ture hin jaallanne taʼa. Yookiin immoo raajii Miikiyaas 5:2 irra jiruu fi Masiihiin Naazireetitti utuu hin taʼin Beetaliheemitti akka dhalatu dubbatu yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa.

      6. Namoonni bara Yesuus turan Yesuus Masiihii taʼuu isaa akka beekan maaltu isaan gargaaruu dandaʼa ture?

      6 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Isaayyaas raajichi diinonni Yesuus ‘hidda dhalootaa Masihiichaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa’ akka hin kennine raajii dubbateera. (Isa. 53:8) Waaʼee kanaa balʼinaan raajiin dubbatameera. Namoonni kun yeroo fudhatanii dhugaawwan kana hunda utuu qoraniiru taʼee, Yesuus Beetaliheemitti akka dhalatee fi sanyii Daawit Mootichaa akka taʼe beekuu dandaʼu turan. (Luq. 2:4-7) Kanaafuu, bakki dhalootaa Yesuus Miikiyaas 5:2 irratti raajii dubbatamee wajjin wal sima. Maarree, wanti rakkina taʼe maal ture? Namoonni sun dafanii murteessuuf ariifatu turan. Odeeffannoo guutuu hin qaban turan. Kanaan kan kaʼes, gufataniiru.

  • Yesuusitti ni Gufattaa?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2021 | Caamsaa
    • (2) YESUUS OF ARGISIISUUF DINQII RAAWWACHUU DIDEERA

      Yesuus namoota hedduutti dubbachaa jira.

      Namoonni hedduun Yesuus of argisiisuuf jecha dinqii raawwachuu diduu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 9-10 ilaali)c

      9. Yesuus samii irraa dinqii argisiisuu yommuu didetti maaltu taʼe?

      9 Namoonni bara Yesuus turan tokko tokko dandeettiin addaa Yesuus barsiisuu irratti qabu gaʼaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamne. Wanta dabalataa barbaadanii turan. “Samii irraa mallattoo” isaanitti argisiisee Masiihii taʼuu isaa akka mirkaneessu gaafatan. (Mat. 16:1) Tarii gaaffii kana kan gaafatan yaada Daaniʼel 7:13, 14 irra jiru dogoggoraan hubatanii taʼuu dandaʼa. Haa taʼuu malee, raajiin kun raawwatamuuf yeroon Yihowaan murteesse hin geenye. Wanti Yesuus barsiise inni Masiihii taʼuu isaa isaan amansiisuuf gaʼaa ture. Kanaafuu, dinqii isaan gaafatan yommuu inni isaanitti argisiisuu dide ni gufatan.—Mat. 16:4.

      10. Yesuus wanta Isaayyaas waaʼee Masihiichaa barreesse kan raawwate akkamitti?

      10 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Isaayyaas raajichi waaʼee Masiihii akkas jedheera: “Inni hin iyyu yookiin sagalee isaa ol hin kaasu, Sagaleen isaa daandii irratti akka dhagaʼamus hin godhu.” (Isa. 42:1, 2) Yesuus tajaajila isaa kan raawwate xiyyeeffannaa utuu ofitti hin harkisin ture. Mana Qulqullummaa guddaa hin ijaarre, uffata amantii addaa hin uffanne ykn namoonni maqaa ulfinaa amantiitiin akka isa waaman hin barbaanne. Yeroo ajjeefamuuf murtiitti dhihaatee turetti illee, dinqii raawwachuudhaan Heroodis Mooticha ajaaʼibsiisuu dideera. (Luq. 23:8-11) Yesuus dinqiiwwan tokko tokko kan raawwate taʼus, xiyyeeffannaan isaa inni guddaan misiraachicha labsuu ture. Barattoota isaatiin, “ani kanaafan dhufe” jedheera.—Mar. 1:38.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi