LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 3, 4. (a) Seexanni qorumsawwan jalqabaa lamaan kan jalqabe jechoota akkamiitiin ture? Yesuus waaʼee maalii akka shakku gochuuf yaalaa ture? (b) Yeroo ammaatti Seexanni malawwan wal fakkaatanitti kan fayyadamu akkamitti?

      3 Maatewos 4:1-7 dubbisi. Seexanni qorumsawwan jalqabaa lamaan kan dhiheesse jechoota haxxummaa irratti hundaaʼanii fi “Ilma Waaqayyoo yoo taate” jedhaniin ture. Seexanni akkana kan jedhe Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa shakkeetii? Lakki. Maleekaan ilma Waaqayyoo turee fi yeroo booda fincile kun Yesuus Ilma Waaqayyoo isa angafaa taʼuu isaa akka gaariitti beeka ture. (Qol. 1:15) Seexanni yeroo Yesuus cuuphametti Yihowaan samii irraa “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jedhee dubbachuu isaa akka beekus hin shakkisiisu. (Mat. 3:17) Tarii Seexanni Yesuus Abbaan isaa amanamaa fi dhugumaan kan isaaf yaadu taʼuu isaa akka shakku gochuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Seexanni qorumsa isa jalqabaa irratti Yesuus dhagoota gara daabbootti akka jijjiiru yommuu isa gaafatetti, karaa biraatiin, ‘Ilma Waaqayyoo erga taatee, Abbaan kee lafa onaa homtuu keessa hin jirre kana keessatti maaliif si hin sooru?’ jedhee gaafachaa ture jechuun ni dandaʼama. Qorumsa isa lammaffaa irratti immoo Yesuus fiixee mana qulqullummaa irraa akka utaalu yommuu isa gaafatetti, karaa biraatiin ‘Ilma Waaqayyoo erga taatee, dhugumaan Abbaan kee akka si eegu itti hin amanamtuu?’ jedhee gaafachaa ture jechuun ni dandaʼama.

  • “Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 5. Yesuus qorumsawwan jalqabaa lamaaniif deebii kan kenne akkamitti?

      5 Mee qorumsawwan lamaan jalqabaatiif Yesuus akkamitti deebii akka kenne haa ilaallu. Yesuus Abbaan isaa akka isa jaallatu hin shakku ture; akkasumas guutummaatti isatti amanama ture. Yesuus mamii tokko malee Dubbii Abbaa isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame irraa caqasuudhaan Seexana mormeera. Yeroo kanatti Yesuus caqasawwan maqaa Yihowaa qabatan caqasuun isaa sirrii ture. (Kes. 6:16; 8:3) Yesuus maqaa Yihowaa jedhutti fayyadamuudhaan Abbaa isaatti akka amanamu argisiiseera. Maqaan adda taʼe kun immoo Yihowaan waadaa gale hundumaa akka raawwatu mirkaneessa.a

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi