-
“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”Masaraa Eegumsaa—2013 | Adoolessa 15
-
-
13. Mul’anni 18:7, Saba Kiristiyaanaa dabalatee ilaalcha isheen ejjituun ykn Baabilon Guddittiin yeroo ammaatti qabdu kan ibsu akkamitti?
13 Sadaffaa, boo’uufi ilkaan qaruu. Ergamoonni inkirdaadicha erga walitti hidhanii booda maaltu ta’a? Yesus waa’ee haala inkirdaadichaa ennaa dubbatu, “Achitti boo’ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga’a” jedheera. (Mat. 13:42) Kun yeroo ammaatti raawwatamaa jiraa? Lakki. Yeroo har’aa, Sabni Kiristiyaanaa kutaa ishee ejjituu taate waa’ee ofiishee, “Ani mootuun addana nan taa’a, ani haadha hiyyeessaa miti, gaddas matumaa hin argu” jetti. (Mul. 18:7) Dhugumayyuu Sabni Kiristiyaanaa, geggeessitoota siyaasaa gubbaa ‘mootuu taatee akka teessu’ waan yaadduuf olaantummaa akka qabdu itti dhaga’ama. Yeroo ammaa warri inkirdaadatti fakkeeffaman of jajaa jiru malee boo’aa hin jiran. Haata’u malee, haalli kun jijjiiramuuf jedha.
Walitti dhufeenyi cimaan Sabni Kiristiyaanaa geggeessitoota amantii wajjin qabdu yeroon itti xumuramu dhihaateera (Keeyyata 13 ilaali)
14. (a) Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an ‘ilkaansaanii kan qaran’ yoomidha? Maaliif? (b) Hubannaa Maatewos 13:42 ilaalchisee qabnurratti sirreeffamni goone, yaada Faarfannaa 112:10rra jiruu wajjin kan walsimu akkamitti? (Odeeffannoo dabalataa ilaali.)
14 Yeroo rakkina guddaatti, dhaabbileen amantii sobaa hundi erga badanii booda, namoonni isaan deggeraa turan da’oo argachuuf kan yaalan ta’us bakka itti dhokatan hin argatan. (Luq. 23:30; Mul. 6:15-17) Sana booda, badiisa jalaa ooluu akka hin dandeenye yeroo hubatan, abdii kutachuudhaan ni boo’u, aariidhaanis ‘ilkaansaanii ni qaru.’ Yesus raajii rakkina guddaa ilaalchisee dubbaterratti akkuma ibse, yeroo rakkisaa sanatti gaddaan “boo’uuf jiru.”e—Mat. 24:30; Mul. 1:7.
15. Inkirdaadichi maal ta’a? Kun kan ta’uhoo yoomi?
15 Arfaffaa, boolla ibiddaatti darbatamuu. Bissiiwwan inkirdaadichaa maal ta’u? Ergamoonni “boolla ibiddaattis isaan in darbatu.” (Mat. 13:42) Kana jechuun, guutummaatti ni balleeffamu jechuudha. Kanaafuu, namoonni dhaabbilee amantii sobaa deggeraa turan sun dhuma rakkina guddaatti, jechuunis Armaagedoonitti ni balleeffamu.—Mil. 4:1.
-
-
“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”Masaraa Eegumsaa—2013 | Adoolessa 15
-
-
e Keeyyata 14: Kun hubannaa Maatewos 13:42 ilaalchisee qabnurratti sirreeffama godhamedha. Kanaan dura, barreeffamoonni keenya, Kiristiyaanonni fakkeessitoota ta’an waggoota hedduudhaaf ‘kan boo’aniifi ilkaan kan qaran,’ “ilmaan mootummaa” isaan “ilmaan isa hamaa” ta’uusaanii waan saaxilaniif akka ta’e ibsaa turaniiru. (Mat. 13:38) Haata’u malee, yaanni ilkaan qaruu jedhu badiisaa wajjin kan wal qabate ta’uunsaa hubatamuu qaba.—Far. 112:10.
-