LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Adoolessa 15
    • 16, 17. (a) Wanti dhumaa Yesus fakkeenyasaa keessatti caqase maalidha? (b) Haalli kun kan raawwatamu gara fuulduraatti kan jennu maaliifi?

      16 Shanaffaa, akka biiftuu ifuu. Yesus, “Egaa [“yommus,” hiika bara 1899] warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu” jechuudhaan raajiisaa xumureera. (Mat. 13:43) Kun kan ta’u yoomiifi eessattidha? Raajiin kunis gara fuulduraatti raawwatama. Yesus raajii kanarratti wanta yeroo ammaa lafarratti raawwatamu utuu hin ta’in, wanta gara fuulduraatti samiirratti ta’u dubbate.f Sababii akkas jechuu itti dandeenye lama haa ilaallu.

      17 Tokkoffaa, gaaffii “yoomidha” jedhu ilaalla. Yesus, ‘Yommus warri qajeeltonni akka biiftuu in ifu’ jedheera. Jechi “yommus” jedhu, yeroo Yesus yaada kana dura caqasee ture, jechuunis yeroo ‘inkirdaadichi boolla ibiddaatti itti darbatamu’ akka argisiisu ifadha. Kun kan ta’u kutaa dhumaa rakkina guddaarrattidha. Kanaafuu, dibamtoonni ‘akka biiftuu kan ifanis’ gara fuulduraatti ta’uu qaba. Ammammoo, gaaffii “eessatti” jedhu haa ilaallu. Yesus, ‘qajeeltonni mootummicha keessatti akka biiftuu akka ifan’ dubbateera. Kana jechuun maal jechuudha? Dibamtoonni amanamoo ta’aniifi kutaan rakkina guddaa inni jalqabaa erga daree booda lafarra jiran hundi, mallattoon inni dhumaa isaanirratti ni godhama. Achiis, raajii Yesus rakkina guddaa ilaalchisee dubbaterratti akkuma ibsame, gara samiitti ni sassaabamu. (Mat. 24:31) Achitti “mootummaa abbaa isaanii keessatti” akka biiftuu ni ifu; waraana Armaagedoon booda baay’ee utuu hin turinis, misirroo Yesus warra gammachuu qaban ta’uudhaan ‘gaa’ela hoolichaarratti’ hirmaatu.—Mul. 19:6-9.

  • “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Adoolessa 15
    • f Keeyyata 16: Daani’el 12:3, “Warri ogummaadhaan nama geggeessan [Kiristiyaanonni dibamoon] akka ifa bantii waaqaa . . . yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru” jedha. Hamma lafarra jiranitti hojii lallabaarratti hirmaachuudhaan kana gochaa jiru. Haata’u malee, Maatewos 13:43 kan ibsu Mootummaa samii keessatti akka biiftuu akka ifanidha. Kanaan dura caqasoonni lamaanuu hojii tokko, jechuunis hojii lallabaa akka argisiisan yaanna turre.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi