-
Namoota Lallaban—Tajaajiltoota Fedhiidhaan Of DhiheessanMootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
-
-
Akkuma namicha qabeenya dhokfame argatee baayʼee gammade sanaa, Kiristiyaanonnis dhugaa Mootummichaa baayʼee gammadaniiru (Keeyyata 20 ilaali)
20. Fakkeenyi Yesus qabeenya dhokfame ilaalchisee dubbate, duuka buutonnisaa duraan dursanii yaadasaanii Mootummicha barbaaduutti akka hidhan gorsa isaanii kennameef deebii isaan kennan kan ibsu akkamitti?
20 Yesus duuka buutonnisaa gorsa duraan dursanii yaadasaanii Mootummicha barbaaduutti akka hidhan isaanii kennameef deebii akkamii akka kennan beeka ture. Mee qabeenya dhokfame ilaalchisee fakkeenya inni dubbate haa ilaallu. (Maatewos 13:44 dubbisi.) Namni qacaramee hojjetuufi fakkeenyicharratti ibsame sun qabeenya dhokfame kan argate siʼa taʼu yeruma sanas faayidaa qabeenyi sun qabu hubateera. Yeroo kanatti maal godhe? “Gammachuu irraa kan kaʼe dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lafa qotiisaa sana bitate.” Nutoo kanarraa maal baranna? Dhugaawwan Mootummichaa yommuu argannuufi faayidaasaa yommuu hubannu, Mootummichaaf dursa kennuuf jecha, gammachuudhaan aarsaa barbaachisaa taʼe hunda ni kaffalla.d
-
-
Namoota Lallaban—Tajaajiltoota Fedhiidhaan Of DhiheessanMootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
-
-
d Yesus fakkeenya waaʼee daldaltuu callee gati jabeessa barbaaduu deeme sanaa dubbaterratti yaada wal fakkaatu caqaseera. Daldaltichi callee sana yommuu argatu, wanta qabu hundumaa gurguree callee sana bitate. (Mat. 13:45, 46) Fakkeenyonni kun lamaan, nuyis dhugaawwan Mootummichaa karaa addaddaa barachuu akka dandeenyu nu hubachiisu. Namoonni tokko tokko dhugaa kanaan kan gufatan siʼa taʼu, kaanimmoo dhugaa kana barbaaduusaanii itti fufu. Taʼus, dhugaa kana kan arganne karaa kamiiniyyuu yoo taʼe, jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa kennuuf jecha aarsaa barbaachisaa taʼe kaffalluuf fedhii qabna.
-