-
Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni QulleessaMootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
-
-
Kiyyoon qurxummii, hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu isa ilmaan namootaa galaanatti fakkeeffaman gidduutti raawwatamaa jiru kan argisiisudha (Keeyyata 18 ilaali)
18 ‘Kiyyoo galaanatti darbachuu.’ Kiyyoon qurxummii hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu isa ilmaan namootaa galaanatti fakkeeffaman gidduutti raawwatamaa jiru kan argisiisudha. ‘Akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabuu.’ Misiraachichi saboota hundumaa, jechuunis namoota tarkaanfii fudhachuudhaan Kiristiyaanota dhugaa taʼan, akkasumas namoota hedduu jalqabarratti misiraachichaaf fedhii argisiisuudhaan waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuuf tarkaanfii hin fudhanne kan walitti qabudha.e ‘Qurxummii isa gaggaarii qodaatti naquu.’ Namoonni garaa qajeelaa qaban gumii Kiristiyaanaa isa qodaatti fakkeeffametti kan walitti qabaman yommuu taʼu achitti Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessu. ‘Qurxummii isa gaggadhee’ gatuu. Kiristosiifi ergamoonni Waaqayyoo, guyyoota gara dhumaa kanatti, ‘hamoota qajeelotarraa gargar baasaa’ jiru.f Kanaaf, namoonni yaada garaa sirrii hin qabne, jechuunis namoonni amantii ykn barsiifata dogoggora taʼe dhiisuuf fedhii hin qabne gumii Kiristiyaanaa keessa jiraachuuf mirga hin argatan.g
-
-
Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni QulleessaMootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
-
-
f Qurxummii isa gaggaarii qurxummii isa gaggadheerraa gargar foʼuun, hoolota reʼootarraa gargar foʼuu wajjin tokko miti. (Mat. 25:31-46) Gargar foʼuun ykn murtoon xumuraa hoolotaafi reʼoota ilaalchisee kennamu yeroo rakkina guddaatti kan raawwatamudha. Hammasitti garuu namoonnii qurxummii gaggadheetti fakkeeffaman gara Yihowaatti deebiʼuufi gumii isa qodaatti fakkeeffame keessatti walitti qabamuu dandaʼu.—Mil. 3:7.
-