LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • Yeroo Sirreeffamni Isaaf Kenname Amanamaa Taʼeera

      11. Yesus duuka buutotasaa wajjin eessa dhaqe? (Miiljalees ilaali.)

      11 Yesus kana booda utuma baayʼee hin turin, ergamootasaafi bartootasaa tokko tokkoo wajjin kallattii kaabaatiin karaa dheeraa deeme. Fiixeen Tulluu Hermoon inni cabbiidhaan uwwifameefi kaaba Biyyattii Abdachiifamte qarqara jiru yeroo tokko tokko Ciisa Bishaan Galiilaa bira dhaabataniillee ni mulʼata. Yesusiifi bartoonnisaa mandara Filiphos Qiisaariyaa bira yommuu gaʼan, Tulluu Hermoonitti dhihaatan.b Yesus iddoo bareedaa kana dhaabatee kibba Biyyattii Abdachiifamtee akka gaariitti ilaalaa gaaffii barbaachisaa tokko duuka buutotasaa gaafate.

      12, 13. (a) Yesus namoonni eenyu akka isaan jedhan beekuu kan barbaade maaliifi? (b) Phexros deebii Yesusiif kennerratti amantii cimaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

      12 Yesus yeroo kanatti “Namoonni . . . eenyu anaan jedhu?” jedhee isaan gaafate. Phexros ija Yesus keessa ilaalaa Gooftaansaa gaarummaa, humnaafi hubannaa guddaa akka qabu yommuu hubatu yaaduu dandeenya. Yesus namoonni isa dhaggeeffatan wanta arganiifi dhagaʼanirraa kaʼuudhaan eenyu akka isaan jedhan beekuu barbaadee ture. Bartoonni eenyummaa Yesus ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa namoonni hedduun qaban caqasuudhaan deebii isaaf kennan. Yesus garuu kana caalaa beekuu barbaade. Michoonnisaahoo akkuma namoota sanaa dogoggoruu laata? Kanaaf, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate.—Luq. 9:18-20.

  • Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
    • b Namoonni kun teessuma lafaa bareedaa taʼe keessa qaxxaamuranii, sirrii galaanaarraa gadi meetira 210 kaʼanii sirrii galaanaarraa ol meetira 350⁠tti ol baʼuudhaaf, Ciisa Bishaan Galiilaatii kaʼanii kiilomeetira 50 deemuu qabu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi