-
Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin ArganYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus naannoo Filiphoos Qisaariyaa ishii Gaara Hermoon irraa gara kiiloo meetira 25 fagaattutti namoota barsiisaa utuu jiruu, ergamootatti yaada nama dinqisiisu dubbate. Akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatan keessaa jalqaba hanga yeroo Ilmi namaa Mootummaa isaatiin dhufu arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru.”—Maatewos 16:28.
Barattoonni wanti inni jechuu barbaade dalga isaanitti taʼee taʼuu qaba. Gara torban tokkoo booda Yesuus ergamoota sadii, jechuunis Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼe. Ergamoonni kun sadan waan muganiif, yeroon isaa halkan taʼuu qaba. Yesuus utuu kadhachaa jiru, isaan duratti dinqiidhaan jijjiirame. Ergamoonni isaa fuulli isaa akka aduu yeroo ifu, uffanni isaas addaatee akka ifaa yeroo calaqqisu argan.
-
-
Jijjiiramuu Isaa—Kiristoosiin Ulfina Isaatiin ArganYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Mulʼanni kun Yesuusii fi ergamoota isaa baayʼee jajjabeesseera! Ulfina Yesuus Mootummaa isaa keessatti qabaatu kan argisiisu dha. Kanaaf, barattoonni kun akkuma Yesuus waadaa seenee ture, “yeroo Ilmi namaa Mootummaa isaatiin dhufu” arganiiru. (Maatewos 16:28) Gaaricha irra yommuu turanitti, ‘surraa isaa isa guddaa ija isaaniitiin arganiiru.’ Fariisonni mallattoo Yesuus Mootii Waaqayyo filate taʼuu isaa mirkaneessu arguu barbaadanii kan turan taʼus, inni mallattoo tokko illee isaanitti hin argisiisne. Barattoonni Yesuus warri isaa wajjin hariiroo cimaa qaban garuu Yesuus dinqiidhaan yeroo jijjiiramu arguuf mirga argataniiru; kunis raajiiwwan Mootummicha ilaalchisee dubbataman mirkaneessa. Kanaaf Pheexiros yeroo booda, “Nuti dubbii raajii caalaatti mirkanaaʼaa taʼe qabna” jedhee barreesseera.—2 Pheexiros 1:16-19.
-