LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • 9 Yeroo tokko namoonni gibira sassaaban Pheexirosiin, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?” jedhanii gaafatanii turan.c Pheexirosis yeruma sana, “Ni kaffala” jedhee deebise. Yesuus garuu akkana jedhee isa gaafate: “Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni lafaa gibira yookiin qaraxa eenyu irraa fudhatu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa fudhatu?” Pheexirosis, “Keessummoota irraa fudhatu” jedhee isaaf deebise. Achiis Yesuus, “Yoos immoo ijoolleen gibira kaffaluu irraa walaba dha” jedhe. (Maatewos 17:24-27) Pheexiros maatiin moototaa gibira akka hin kaffalle waan beekuuf, ergaan Yesuus dabarsuu barbaade isaaf galeera. Yesuus Ilma Mootii isa samii isa mana qulqullummaa sana keessatti waaqeffatamuu waan taʼeef, gibira kaffaluuf dirqamni isarra hin jiru. Yesuus Pheexirosiif deebii gabaabaa kennuu mannaa, xumura sirriirra akka gaʼuu isa gargaaruuf malaan gaaffiitti fayyadameera; tarii akkas kan godhe gara fuulduraatti deebii kennuusaa dura sirriitti irratti yaaduu akka qabu isa barsiisuu barbaadee taʼuu dandaʼa.

  • “Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • c Yihudoonni waggaa waggaadhaan gibira mana qulqullummaatiif saantima meetii lama, jechuunis mindaa guyyaa lamaa akka kaffalan isaanirraa eegama ture. Barreeffamni tokko, “Gibirri kun adda durummaadhaan aarsaa gubamu isa guyyaa guyyaadhaan dhihaatuu fi aarsaawwan sabicha bakka buʼuudhaan dhihaatan hunda bituuf kan oolu ture” jedheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi