LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • 3 Yesuus namoonni hedduun wacaa kan turan taʼus, iyya namoota kanaa ni dhagaʼe. Maarree, maal godha laata? Wanti isa yaaddessu hedduun jira ture. Jireenyasaa isa lafarraa xumuruuf gara torban tokkootu isa hafe. Yerusaalem keessatti akka dhiphatuu fi gara jabinaan akka ajjeefamu beeka. Taʼus, iyya namoonni kun dhageessisan callisee bira hin darbine. Erga dhaabbatee booda namoota lamaan sana garasaatti akka fidan gaafate. Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” jedhanii isa kadhatan. Yesuusis “isaaniif gaddee” ijasaanii qaqqabe; iji isaanis deebiʼee arguu jalqabe.a Isaanis yeruma sana isa duukaa buʼuu jalqaban.—Luqaas 18:35-43; Maatewos 20:29-34.

  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • a Jechi Afaan Giriikii “isaaniif gadde” jedhamee hiikame, jechoota Afaan Giriikii miira gara laafinaa sirriitti ibsan keessaa tokkodha. Kitaabni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi kun, “miira, dhiphina nama tokkoo yeroo arginu nutti dhagaʼamu qofa utuu hin taʼin, rakkina sana salphisuuf ykn balleessuuf fedhii guddaa qabaachuus” kan argisiisudha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi