LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni Qulleessa
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • 1-3. Yesus manni qulqullummaa akka mancaʼe yommuu argetti tarkaanfii akkamii fudhate?

      YESUS manni qulqullummaa Yerusaalem maal akka bakka buʼu waan beekuuf iddoo kanaaf ulfina guddaa kenna ture. Manni qulqullummaa kun bara dheeraadhaaf iddoo waaqeffannaa dhugaa lafarratti argamu taʼee tajaajilaa tureera. Haataʼu malee, karaa qulqulluu taʼeen Yihowaa waaqeffachuun barbaachisaadha. Dh.K.B. Niisaan 10, bara 33⁠tti Yesus gara mana qulqullummaa yommuu dhaqu gochawwan manicha xureessan utuu raawwatamanii yommuu argetti wanta itti dhagaʼame mee yaadaa! Bakka sanatti maaltu raawwatamaa ture?—Maatewos 21:12, 13 dubbisi.

      2 Daldaltoonni sassatoo taʼaniifi namoonni qarshii callaa gegeddaran, oobdii mana qulqullummaa namoota Yihudii hin taanee keessatti warra Yihowaa waaqeffachuuf dhufan saamaa turan.a Yesus, “warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi warra gurguran hundumaa gad baase; gabatoota warra horii callaa gegeddaranii . . . gad garagalche.” (Nahimiyaa 13:7-9 waliin ilaali.) Namoonni ofittoo taʼan kun mana abbaasaa “holqa hattuu” waan godhaniif isaanitti dheekkamee ture. Yesus tarkaanfii kana fudhachuudhaan mana qulqullummaa sanaafis taʼe qaama manni sun bakka buʼuuf kabaja akka qabu argisiiseera. Waaqeffannaan Abbaasaatiif dhihaatu yoomiyyuu qulqulluu taʼuu qaba!

  • Mootichi Karaa Hafuuraa Sabasaa Ni Qulleessa
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • a Maallaqni, Yihudoonni biyya garabiraadhaa gara mana qulqullummaa dhaqan gibira waggaa kan mana qulqullummaatiif kaffalan biyyichatti kan hojjetame taʼuu qaba ture; kanaaf qarshiisaanii jijjiirrachuuf qarshii dabalataa kaffalu turan. Kana malees, aarsaa dhiheessuuf horii bituu qabu turan. Yesus daldaltoota sana “hattuu” jedhee kan waame, kaffaltii tajaajila kennanirra baayʼee caalu waan gaafataniif ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi