LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 21. Nama daandii magaalaa tokko irra jiruu fi Dhugaa Baatota Yihowaa gaarii barreeffamaa bira dhaabbatanii jiran wajjin haasaʼaa jiru.

      BARUMSA 21

      Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?

      Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee rakkoowwan keenya hunda yeroo dhihootti ni balleessa. Misiraachoon kun gaarii waan taʼeef namni kam iyyuu dhagaʼuun isa barbaachisa. Yesuus duuka buutonni isaa ergaa kana namoota hundatti akka himan barbaada! (Maatewos 28:19, 20) Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta Yihowaan ajaje raawwachaa kan jiran akkamitti?

      1. Maatewos 24:14 yeroo harʼaa raawwatamaa kan jiru akkamitti?

      Yesuus, “Misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jechuudhaan raajii dubbateera. (Maatewos 24:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii barbaachisaa taʼe kana irratti gammachuudhaan hirmaachaa jiru. Misiraachoo kana addunyaa maratti afaan 1,000 oliin lallabaa jirra! Hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe kun carraaqqii fi qindoomina guddaa gaafata. Hojiin kun gargaarsa Yihowaa malee hojjetamuu hin dandaʼu.

      2. Namootaaf lallabuuf carraaqqii akkamii goona?

      Bakka namoota argachuu dandeenyu kamitti iyyuu ni lallabna. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa “manaa gara manaa” deemnee ni lallabna. (Hojii Ergamootaa 5:42) Malli akka gaariitti qindaaʼe kun waggaa waggaadhaan namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniif lallabuuf nu gargaareera. Namoonni yeroo hunda waan manatti hin argamneef, bakkawwan namoonni itti baayʼatan hedduuttis ni lallabna. Yeroo hunda waaʼee Yihowaa fi waaʼee kaayyoo isaa namootatti himuuf carraa barbaanna.

      3. Misiraachicha lallabuuf itti gaafatamummaa kan qaban eenyu faʼi?

      Kiristiyaanonni dhugaan hundi misiraachicha namoota kaanitti himuuf itti gaafatamummaan isaan irra jira. Itti gaafatamummaa keenya kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Lubbuu namootaa oolchuu akka dandaʼu waan beeknuuf hamma nuuf dandaʼame lallabuuf carraaqqii goona. (1 Ximotewos 4:16 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” waan jedhuuf hojii kana raawwachuuf maallaqni nuuf hin kaffalamu. (Maatewos 10:7, 8) Ergaa keenya kan fudhatu namoota hunda miti. Taʼus hojiin kun kutaa waaqeffannaa keenyaa fi Yihowaa kan gammachiisu waan taʼeef lallabuu keenya itti fufna.

      CAALAATTI BARADHU

      Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti lallabuuf carraaqqii akkamii akka godhanii fi Yihowaan nu gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu.

      A. Dhugaa Baatota Yihowaa nama gaara magariisaa Kostaa Rikaa keessatti argamu bira jiruuf lallabaa jiran lama. B. Dhugaa Baatonni Yihowaa afur buufata doonii Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu tokko biratti namoota qurxummii qabaniif yommuu lallaban. C. Dhugaa Baatota Yihowaa namicha baadiyyaa Beeniin keessa jiruuf lallabaa jiran lama. D. Dhugaa Baatuun tokko dubartii Taayilaandi keessatti bidiruu daldalaa irra jirtuuf yommuu lallabdu. E. Dhugaa Baatota Yihowaa biyya Yaappitti dhagaa guddaa tokko biratti dubartii tokkoof lallabaa jiran lama. F. Dhugaa Baatota Yihowaa Siwiidinitti dubartii daandii cabbii qabu biratti argataniif lallaban lama.

      Addunyaa maratti misiraachichi yommuu lallabamu: (A) Kostaa Rikaa, (B) Yuunaayitid Isteetis, (C) Beeniin, (D) Taayilaandi, (E) Yaap, (F) Siwiidin

      4. Namoota hundumaaf lallabuuf carraaqqii goona

      Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota bakka kam iyyuu jiraniif misiraachicha lallabuuf carraaqqii addaa godhu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: “Hanga Handaara Lafaatti” Lallabuu (7:33)

      • Carraaqqii Dhugaa Baatonni Yihowaa lallabuuf godhan ilaalchisee wanti si dinqisiisu maali dha?

      Maatewos 22:39 fi Roomaa 10:13-15 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Tajaajilli keenya namoota akka jaallannu kan argisiisu akkamitti?

      • Yihowaan namoota misiraachicha lallabaa jiraniif ilaalcha akkamii qaba?—Lakkoofsa 15 ilaali.

      5. Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha

      Muuxannoowwan hedduun Yihowaan hojii keenya geggeessaa akka jiru mirkaneessu. Fakkeenyaaf, Niiwu Ziilaandi keessatti obboleessi Pool jedhamu gaaf tokko waaree booda manaa gara manaa utuu tajaajilaa jiruu dubartii takkaa wajjin wal arge. Guyyuma sana ganama dubartiin sun maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadamtee namni tokko dhufee akka ishii haasofsiisu kadhattee turte. Pool, “Anis mana ishii kanan dhaqe erga ishiin kadhattee saʼaatii sadii booda ture” jedheera.

      Qorontos Tokkoffaa 3:9 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Muuxannoowwan akkasii Yihowaan hojii lallabaa geggeessaa akka jiru kan argisiisan akkamitti?

      Hojii Ergamootaa 1:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Tajaajila keenya raawwachuuf gargaarsi Yihowaa kan nu barbaachisu maaliifi?

      Kana beektaa?

      Torban torbaniin walgaʼii torban gidduutti goonu irratti, leenjii lallabuuf nu gargaaru arganna. Walgaʼiiwwan kanneen keessaa isa tokko irratti argamtee beekta yoo taʼe, leenjii kennamu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

      Dhugaa Baatonni Yihowaa lama walgaʼii gumii irratti misiraachicha akkamitti akka lallabnu yommuu argisiisan.

      6. Ajaja Waaqayyo akka lallabnuuf nuu kenne ni raawwanna

      Jaarraa jalqabaatti mormitoonni duuka buutonni Yesuus akka hin lallabne dhowwuuf yaalanii turan. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ‘misiraachichi seera duratti fudhatama akka argatu gochuudhaan’ mirga lallabuuf qabaniif falmaniiru. (Filiphisiyus 1:7) Yeroo harʼaas Dhugaa Baatonni Yihowaa akkasuma godhu.a

      VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Misiraachichi Seera Duratti Fudhatama Akka Argatu Falmuu (2:28)

      Hojii Ergamootaa 5:27-42 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Lallabuu keenya kan hin dhaabne maaliifi?—Lakkoofsa 29, 38 fi 39 ilaali.

      NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa kan deeman maaliifi?”

      • Maal jettee deebista?

      MAAL BARATTE?

      Yesuus duuka buutonni isaa misiraachicha saboota hundumaatiif akka lallaban ajajeera. Yihowaan sabni isaa hojii kana akka raawwatan isaan gargaaraa jira.

      Irra Deebii

      • Misiraachichi addunyaa maratti lallabamaa kan jiru akkamitti?

      • Tajaajilli keenya namootaaf jaalala akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

      • Lallabuun hojii nama gammachiisu akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Maaliif?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Dhugaa Baatonni Yihowaa magaalota guguddaa keessatti namootaaf kan lallaban akkamitti akka taʼe ilaali.

      Lallaba Addabaabayii Addaa Magaalaa Paarisitti Geggeeffame (5:11)

      Dhugaa Baatonni Yihowaa baqattootaaf kan lallaban akkamitti?

      Baqattoota Karaa Hafuuraa Dheebotan Gargaaruu (5:59)

      Obboleettiin takka tajaajilli yeroo guutuu gammachiisaa taʼuu isaa kan ibsite akkamitti akka taʼe ilaali.

      Hojii Kana Filachuun Koo Na Gammachiisa (6:29)

      Waaʼee injifannoowwan dinqisiisoo mana murtiitti argannee fi hojiin misiraachicha lallabuu akka babalʼatu godhanii dubbisi.

      “Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan” (Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, boqonnaa 13)

      a Akka lallabnu kan nu ajaje Waaqayyo dha. Kanaafuu Dhugaa Baatonni Yihowaa misiraachicha lallabuuf abbootii taayitaa irraa heyyama argachuun isaan hin barbaachisu.

  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 5. Bara 1914 kaasee addunyaan kun jijjiirameera

      VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera (1:10)

      Yesuus erga Mootii taʼee booda haalli addunyaa kanaa maal akka fakkaatu raajii dubbateera. Luqaas 21:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Haalawwan kanneen keessaa kan ati argite ykn dhageesse isa kami?

      Phaawulos ergamaan guyyoota dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaatti namoonni amala akkamii akka argisiisan ibseera. Ximotewos Lammaffaa 3:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Namoonni yeroo harʼaa jiran amalawwan kanneen keessaa kamfaa yommuu argisiisan hubatteetta?

      Fakkiiwwan: Fakkiiwwan haalawwan addunyaa fi amala namootaa guyyoota dhumaa argisiisan. 1. Geggeessaan loltootaa tokko waltajjii irra dhaabatee harka isaa ol kaasuudhaan dhaadannoo dhageessisaa jira. 2. Gamoowwan kirkira lafaatiin diigaman. 3. Xiyyaara lolaa. 4. Namoota maaskii godhatanii deemaa jiran. 5. Gamoowwan Niwu Yoorki lamaan balaa shororkeessitoonni geessisan booda gubachaa jiran. 6. Namicha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachaa jiru. 7. Abbaa manaa haadha manaa isaa abootteedhaan rukutuuf jedhuu fi itti iyyaa jiru. 8. Qorichawwan sammuu namaa hadoochanii fi dhugaatiiwwan alkoolii gara garaa. 9. Dubartoota uffata ammayyaa uffatanii fi faayaawwan kaaʼatan lama yommuu suuraa of kaasan. 10. Diijee koonsartii irratti muuziqaa taphachiisaa jiru. 11. Namni jeequmsa irratti hirmaatu tokko ibidda qabsiisee yommuu darbachuuf jedhu.

      6. Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

      Maatewos 24:3, 14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Hojii barbaachisaan Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru argisiisu isa kami?

      • Hojii kana irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?

      Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jira, guyyaan itti guutummaatti lafa toʼatus dhihaateera. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • “Guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu,” tokkoon tokkoon keenya maal gochuu qabna?

      Fakkiiwwan: 1. Barattuu Kitaaba Qulqulluu walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamte. 2. Barattuun Kitaaba Qulqulluu sun dubartii beektu takkaaf yommuu lallabdu.

      Wanta namoota gargaaruu fi lubbuu isaanii oolchuu dandaʼu utuu beektee maal goota?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi