LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Wanta Itti Dadhabdetti Gammadi
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
    • 6, 7. Yesusis hojjetaa jabaa ta’uudhaan seenaa waggoota hedduu akkamii galmeessiseera?

      6 Yesusis hojjetaa jabaa ta’uudhaan seenaa waggoota hedduu galmeessiseera. Nama ta’ee gara lafaa dhufuusaa dura, jechuunis “wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru” hundi yommuu uumame “hojjetaa” isa guddaa ta’ee tajaajileera. (Qolosaayis 1:15-17; Fakkeenya 8:22-31, hiika bara 1899) Yesus yeroo lafarra tures hojjetaa jabaa ture. Hojii ijaarsaa ijoollummaasaatti waan barateef, “muka soofticha” jedhamee waamameera.a (Maarqos 6:3) Hojiin kun bara sanatti meeshaan ammayyaa ittiin muka baqaqsan, bakki bittaafi gurgurtaa mi’oota humna elektiriikiitiin qophaa’an waan hin jirreef, hojii baay’ee nama dadhabsiisuufi dandeettii hedduu gaafatu ture. Yommuu Yesus muka hojiif barbaachisu argachuuf gara bosonaa dhaqee muka muruufi mukicha bakka itti hojjetutti guuru sitti mul’ataa? Yommuu inni mana ijaaruufi manicha dagaleedhaan wal qabsiisu, akkasumas balbalaafi mi’a manichaaf barbaachisu hojjetu sitti mul’ataa? Yesus hojii bu’a qabeessa hojjechuuf carraaquun gammachuu guddaa akka argamsiisu muuxannoosaarraa akka arge hin shakkisiisu.

  • Wanta Itti Dadhabdetti Gammadi
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
    • a Jechi afaan Giriikii “muka sooftuu” jedhu nama “mana, mi’a manaa ykn hojii mukaa kamiyyuu hojjetu walitti qabaatti kan argisiisudha.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi