LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesuus Mucaa Jinniidhaan Qabame Fayyise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis gaara irraa yeroo buʼan namoota walitti qabamanii jiran argan. Rakkinni tokko uumameera. Barsiisonni seeraa, barattoota Yesuusitti marsanii isaanii wajjin falmaa jiru. Namoonni Yesuusiin yeroo argan gammadanii nagaa isa gaafachuuf gara isaatti fiigan. Yesuus, “Waaʼee maalii irratti isaanii wajjin wal falmaa jirtu?” jedhee isaan gaafate.—Maarqos 9:16.

  • Yesuus Mucaa Jinniidhaan Qabame Fayyise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Haala isaa irraa hubachuu akka dandeenyutti, barsiisota seeraa, barattoonni Yesuus mucicha fayyisuu waan hin dandeenyeef isaan ceephaʼaa jiru; tarii immoo carraaqqii isaan taasisanitti qoosaa jiru taʼa. Yesuus abbaa mucichaa dhiphatee jirutti dubbachuu mannaa, namoota walitti qabamanii jiraniin akkana jedhe: “Dhaloota amantii hin qabnee fi micciiramaa nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura?” Yaadni cimaan inni dubbate kun barsiisota seeraa bakka inni hin jirretti barattoota isaatti rakkina uumaa turan akka ilaallatu hin shakkisiisu. Achiis abbaa mucichaa isa dhiphatee jirutti garagalee, “Mucicha as natti fidaa” jedhe.—Luqaas 9:41.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi