-
Yesuus Geggeessaa Sooressaa fi Dargaggeessa Taʼeef Deebii KenneYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus itti fufee, “Haa taʼu malee, warri duraa hedduun warra boodaa taʼu, warri boodaa hedduun immoo warra duraa taʼu” jedhe. (Maatewos 19:30) Maal jechuu isaa ti?
Geggeessaan dargaggeessaa fi sooressi kun, geggeessitoota Yihudootaa keessaa tokko waan taʼeef ‘warra duraa’ keessaa tokko dha. Ajaja Waaqayyoo waan eeguuf akkaataan jireenya isaa gaarii waan taʼeef, wanti baayʼeen irraa eegamuu dandaʼa. Inni garuu wantoota hunda caalaa qabeenyaa fi badhaadhummaadhaaf dursa kennaa jira. Haala kana irraa faallaa taʼeen, namoonni biyyichaa iddoo guddaa hin qabne barumsi Yesuus dhugaa fi jireenyatti kan geessu taʼuu isaa hubataniiru. Namoonni kun ‘warra boodaa’ kan turan taʼus, amma garuu ‘warra duraa’ taʼuuf jedhu. Yeroo samii irratti Yesuusii wajjin teessoo irra taaʼanii lafa ishii Jannata taatu itti bulchan eeggatu.
-
-
Fakkeenya Namoota Maasii Wayinii Keessa HojjetaniiYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus Peeriyaatti ‘warri duraa hedduun warra boodaa, warri boodaa hedduun immoo warra duraa akka taʼan’ dhaggeeffattootatti himee ture. (Maatewos 19:30) Amma immoo, fakkeenya waaʼee hojjetoota maasii wayinii keessa hojjetanii dubbachuudhaan yaada kana cimse.
-