LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yoseef Namni Armaatiyaa Tarkaanfii Fudhateera
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Onkoloolessa
    • YOSEEF NAMNI ARMAATIYAA bulchaa Roomaa duratti dhihaachuuf akkamitti ija jabina akka argate baayʼee hin beeku ture. Phonxos Philaaxos baayʼee mata jabeessa taʼuudhaan beekama ture. Taʼus Yesuus awwaala ulfina qabu akka argatu yoo barbaadame, namni tokko Philaaxositti dhihaatee reeffa Yesuus akka kennu isa gaafachuu qaba. Wanti booda taʼe akka argisiisutti garuu Philaaxosii wajjin kallattiidhaan wal arguun akka Yoseef yaade ulfaataa hin turre. Philaaxos, Yesuus akka duʼe ajajaa loltootaa tokko irraa erga mirkaneessee booda isaaf heyyameera. Yeroo kanatti Yoseef gadda guddaa keessa kan ture taʼus, hatattamaan deebiʼee bakka Yesuus itti fannifame deeme.—Mar. 15:42-45.

  • Yoseef Namni Armaatiyaa Tarkaanfii Fudhateera
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Onkoloolessa
    • MISEENSA SAANHEDIRIIN

      Wangeelli Maarqos inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame, Yoseef, ‘miseensa mana maree Yihudootaa beekamaa’ akka taʼe dubbata. Manni maree Yihudoota as irratti ibsame Saanhediriin siʼa taʼu, mana murtii ol aanaa fi qaama bulchiinsaa ol aanaa dha. (Mar. 15:1, 43) Yoseef geggeessitoota saba isaa keessaa tokko siʼa taʼu, bulchaa Roomaa duratti dhihaatee fudhatama kan argate kanaaf ture. Yoseef sooressa taʼuun isaas kan nama dinqisiisu miti.—Mat. 27:57.

      Yesuus Mootii kee akka taʼe ifatti beeksisuuf ija jabina qabdaa?

      Saanhediriin akka gareetti Yesuusiif diina turan. Miseensonni isaa Yesuusiin ajjeesuuf daba kan qopheessan kanaaf ture. Yoseef garuu “nama gaarii fi qajeelaa ture” jedhameera. (Luq. 23:50) Miseensota Saanhediriin isaa wajjin hojjetan baayʼee isaanii irraa haala adda taʼeen, inni jireenya qulqulluu naamusa gaarii qabu jiraateera, akkasumas Waaqayyoof ajajamuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera. Kana malees, inni “Mootummaa Waaqayyoo ni eeggata ture,” kunis sababii inni barata Yesuus itti taʼe ibsa. (Mar. 15:43; Mat. 27:57) Ergaa Yesuusiif xiyyeeffannaa kan kenne dhugaadhaa fi haqaaf fedhii cimaa kan qabu waan tureef taʼuu hin oolu.

  • Yoseef Namni Armaatiyaa Tarkaanfii Fudhateera
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Onkoloolessa
    • MURTEESSUU DANDAʼUU

      Yeroo Yesuus duʼetti Yoseef sodaa isaa moʼuudhaan, duuka buutota Yesuus cina dhaabachuuf kan murteesse fakkaata. Murtoo kana akka godhe yaadni Maarqos 15:43 irratti, “Ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate” jedhu ni argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi