-
‘Kan Guddisu Waaqayyodha!’Masaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 15
-
-
Namichi Sanyii Facaasu Rafuusaa
13, 14. (a) Fakkeenya Yesus waa’ee nama sanyii facaasuu dubbate gabaabsii ibsi. (b) Namni sanyicha facaasu eenyuun argisiisa? Sanyichimmoo maal argisiisa?
13 Nama sanyii facaasu ilaalchisee Maarqos 4:26-29rratti fakkeenya akkas jedhu kan biraa arganna: “Mootummaan Waaqayyoo akka nama qotiisa isaatti sanyii facaafatee ti. Namichi galee halkan in rafa guyyaas in ka’a; sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas. Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa. Midhaanichi erga bilchaatee garuu yeroon haamaa waan ga’eef, achumaan haamtuu itti in erga.”
14 Kan sanyicha facaasu eenyudha? Namoonni Saba Kiristiyaanaa tokko tokko, namichi sanyii facaasu kun Yesusiin argisiisa jedhu. Haata’u malee, Yesus waan rafeef sanyichi akkamitti akka biqile hin beeku jechuun ni danda’amaa? Yesus akkaataa sanyichi itti guddatu akka beeku ifadha! Namichi sanyii facaasu kun garuu, akkuma isa kanaan dura ibsamee, labsitoota Mootummichaa, warra hinaaffaadhaan lallabuudhaan sanyii Mootummichaa facaasan kan argisiisudha. Sanyiin lafatti facaafamu, dubbii isaan lallaban kan argisiisudha.b
15, 16. Yesus, fakkeenya waa’ee nama midhaan facaasuu dubbaterratti, akkaataa sanyiin tokko kallattiidhaanis ta’e karaa hafuuraa itti guddatu kan ibse akkamitti?
15 Yesus, namichi sanyii facaasu ‘halkan akka rafu, guyyaa garuu akka ka’u’ dubbateera. Kun namichi dantaa kan hin qabne ta’uusaa kan argisiisu utuu hin ta’in, waanuma namoonni hundi godhan kan argisiisudha. Jechoonni caqasa kanarratti ibsaman, guyyaa hojjetanii halkan rafuu, isa baramaa ta’eefi yeroo hundumaaf itti fufu kan argisiisanidha. Yesus wanta yeroo sana gidduutti raawwatamu ibseera. “Sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas” jedheera. Asirratti kan addeeffame, sanyichi “ofuma isaatiin” guddachuusaati.
16 Yesus asirratti yaada akkamii dabarsuu barbaade? Yaannisaa kan xiyyeeffatu, guddinasaarratti, akkasumas guddinni kun suutuma suuta kan raawwatamu ta’uusaarratti. “Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa.” (Mar. 4:28) Guddinnisaa suutuma suuta, sadarkaa sadarkaadhaan raawwatama. Dirqisiisuun ykn dafee akka guddatu gochuun hin danda’amu. Haalli guddina hafuuraas kanuma fakkaata. Yihowaan, dhugaan nama garaa qajeelaa qabu keessatti akka guddatu kan heyyamu si’a ta’u, guddinni kunis sadarkaa sadarkaadhaan raawwatama.—HoE. 13:48; Ibr. 6:1.
17. Yommuu sanyiin dhugaa ija godhatu kan gammadan eenyu fa’i?
17 “Midhaanichi erga bilchaatee” booda, namichi facaasu haamaarratti kan hirmaatu akkamitti? Bartoonni haaraan, Yihowaan dhugaan Mootummichaa garaasaanii keessatti akka guddatu ennaa godhu, yeroo booda jaalalaan kaka’anii isaaf of murteessu. Of murteessuusaaniis bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisu. Obboloonni karaa hafuuraa guddachuusaanii itti fufan, yeroo booda gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa argachuu danda’u. Nama jalqaba sanyicha facaase qofa utuu hin ta’in, labsitoonni Mootummichaa sanyii duuka buutuu sana argamsiise facaasuurratti kallattiidhaan hin hirmaannes, ija Mootummichaa haamuurratti ga’ee qabu. (Yohannis 4:36-38 dubbisi.) ‘Inni facaasuufi inni haamu walii wajjin ni gammadu.’
-
-
‘Kan Guddisu Waaqayyodha!’Masaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 15
-
-
b Kanaan dura barruun kun, sanyichi, amalawwan Kiristiyaana tokkoo warra gara ga’eessummaatti guddachuu qaban akka argisiisu, akkasumas haalli naannoo amala Kiristiyaana tokkoorratti dhiibbaa akka geessisu ibsee ture. Haata’u malee, fakkeenya Yesus ibserratti, sanyiin kun hin manca’u ykn hin tortoru. Kanaa mannaa gara ga’eessummaatti guddata.—Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 1980, ful. 17-19 (Ingiliffa) ilaali.
Ni Yaadattaa?
-