LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesus, Waaqayyo Qajeelaa Taʼuusaa Kan Mirkaneesse Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Hagayya 15
    • 7. Yesus qabeenyawwan addaa akkamii qaba ture?

      7 Yesus yeroo hundumaa walgaʼiiwwan waaqeffannaarratti argamuudhaan, wantoota hafuuraatiif fedhii guddaa akka qabu argisiiseera. Sammuunsaa mudaa kan hin qabne waan taʼeef, wanta dhagaʼuufi wanta Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa dubbisu hundumaa hubachuu dandaʼa ture. (Luq. 4:16) Akkasumas qabeenya adda taʼe kan biraa, jechuunis qaama cubbuurraa walaba taʼeefi ilmaan namootaatiif aarsaa taʼuu dandaʼu qaba ture. Yesus yeroo cuuphametti, kadhachaa, tariimmoo raajii Faarfannaa 40:6-8⁠rra jirurratti yaadaa ture.—Luq. 3:21; Ibroota 10:5-10 dubbisi.a

  • Yesus, Waaqayyo Qajeelaa Taʼuusaa Kan Mirkaneesse Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Hagayya 15
    • a Asirratti Phaawulos ergamaan, akka hiika Saptuujantii afaan Giriikiitti Faarfannaa 40:6-8 isa yaada “dhagna abboomamu anaaf qopheessiteetta” jedhu dabalaturraa caqaseera. Yaanni kun hiikawwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa durii harkaan barreeffamaniifi yeroo ammaatti argamanirra hin jiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi